Tarjaawwan
Lakkoofsa tarjaawwanii akkasuumas mudana tarjaa akkaataa fuulaa, goodayyaa, yk kutaa tokkootiif ifteessa.
Qindaa'ina durtii
Teessumaawwan tarjaa durmurtaawaa irraa filachuu nidandeessa, ykn kan kee uumi. Yammuu teessumaa tokko akkaataa fuulaa tokkotti fayyadamtuu, fuulawwanii warri akkaaticha fayyadaman marii niharoomu. Akkasuumas, yammuu teessumaa tarjaa tokko akkaataa goodayyaatti fayyadamtuu, goodayyaawwan warri akkaaticha fayyadaman marii niharoomu. Teessumaa tarjaa, akkasuma goodayyaa baaqeedhaaf jijjiiruu nidandeessa.
Tarjaawwan
Lakkoofsa tarjaawwanii isa fuulaa, goodayyaa, yk kutaa keessatti barbaaddu galchi.
Akkasuuma, teessuma tarjaa durmurtaawaa tokko filachuu nidandeessa.
Dirreewwan filaman
Qabeentaa walfakkeessii tarjaawwan mararratti facaasi
Kutaalee tarjaa-hedduukeessatti qixxaan hira.
Bal'inaa fi addaan fageegna
Yoo sanduqii filannoo Dalgee ofumaahin filatamne, dirqala dalgee fi addaanfageenya tarjaalee galchi.
(Lakkoofsa tarjaa)
Lakkoofsa tarjaa, akkasuumas yabbina fi dheerina cina tarjaawwanitti agarsiissa.
Xiyya Bitaa
Agarsiissaa tarjaa, tarjaa tokko gara bitaatti siqsa.
Xiyya Bitaa
Xiyya Mirga
Agarsiissaa tarjaa, tarjaa tokko gara mirgaatti siqsa.
Xiyya Mirga
Bal'ina
Bal'ina tarjicha galchi.
Addaan Fageegna
Tarjaawwan gidduuti, iddoo hamma dhiisuu barbaadduu galchi.
Dalgee Ofumaa
Tarjaawwan bal'inii isaanii qixxee tahe uuma.
Durargiin teessumaa tarjaa, naannoo fuulaa osoo hintanee, tarjaawwan qofa mul'isa.
Sarara Gargareessaa
Bakki kun kan jirachuu dandaa'uu, yoo teessumaan kee tarjaa tokko ol of keessaa qabaatee qofa.
Sarara
Akkaataa dhangeessuu sarara garagareessaa tarjaatiif fili. Yoo sarara gargareessaa hinfeetu tahee, "Homaa" filadhu.
Hojjaa
Dheerina sarara gargareessaa, kan hojjaa ba'lina tarjaa akka dhibbeentaatti galchi.
Qubannoo
Hiriira sarjaa kan sarara garagareessaa fili. Dirqalii kun kan jiraatu, yoo gatiin Hojjaa sararaa, 100% gad tahe qofa.
Itti fayyadami
Maalima isaa teessuma sarjaa irratti fayyadamuu barbaaddu fili. Dirqalaan kun kan jiraatu, yoo qaaqa Dhangi'u - Tarjaalee filatte qofa.