Tarjaawwan

Lakkoofsa tarjaawwanii akkasuumas mudana tarjaa akkaataa fuulaa, goodayyaa, yk kutaa tokkootiif ifteessa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Caancala Dhangeessi - Fuula - Tarjaawwan jedhu filadhu

Choose Format - Frame and Object - Properties - Columns tab

Choose View - Styles - open context menu Modify/New - Columns tab

Choose Insert - Frame - Frame - Columns tab

Caancala Saagi/Goodayyaa - Kutaa(lee) - Tarjaawwan jedhu filadhu


Qindaa'ina durtii

Teessumaawwan tarjaa durmurtaawaa irraa filachuu nidandeessa, ykn kan kee uumi. Yammuu teessumaa tokko akkaataa fuulaa tokkotti fayyadamtuu, fuulawwanii warri akkaaticha fayyadaman marii niharoomu. Akkasuumas, yammuu teessumaa tarjaa tokko akkaataa goodayyaatti fayyadamtuu, goodayyaawwan warri akkaaticha fayyadaman marii niharoomu. Teessumaa tarjaa, akkasuma goodayyaa baaqeedhaaf jijjiiruu nidandeessa.

Tarjaawwan

Lakkoofsa tarjaawwanii isa fuulaa, goodayyaa, yk kutaa keessatti barbaaddu galchi.

Akkasuuma, teessuma tarjaa durmurtaawaa tokko filachuu nidandeessa.

Dirreewwan filaman

Qabeentaa walfakkeessii tarjaawwan mararratti facaasi

Kutaalee tarjaa-hedduukeessatti qixxaan hira.

Bal'inaa fi addaan fageegna

Yoo sanduqii filannoo Dalgee ofumaahin filatamne, dirqala dalgee fi addaanfageenya tarjaalee galchi.

(Lakkoofsa tarjaa)

Lakkoofsa tarjaa, akkasuumas yabbina fi dheerina cina tarjaawwanitti agarsiissa.

Xiyya Bitaa

Agarsiissaa tarjaa, tarjaa tokko gara bitaatti siqsa.

Sajoo

Xiyya Bitaa

Xiyya Mirga

Agarsiissaa tarjaa, tarjaa tokko gara mirgaatti siqsa.

Sajoo

Xiyya Mirga

Bal'ina

Bal'ina tarjicha galchi.

Addaan Fageegna

Tarjaawwan gidduuti, iddoo hamma dhiisuu barbaadduu galchi.

Dalgee Ofumaa

Tarjaawwan bal'inii isaanii qixxee tahe uuma.

Dirree Durargii

Durargii filannoo ammee agarsiisi.

Durargiin teessumaa tarjaa, naannoo fuulaa osoo hintanee, tarjaawwan qofa mul'isa.

Sarara Gargareessaa

Bakki kun kan jirachuu dandaa'uu, yoo teessumaan kee tarjaa tokko ol of keessaa qabaatee qofa.

Sarara

Akkaataa dhangeessuu sarara garagareessaa tarjaatiif fili. Yoo sarara gargareessaa hinfeetu tahee, "Homaa" filadhu.

Hojjaa

Dheerina sarara gargareessaa, kan hojjaa ba'lina tarjaa akka dhibbeentaatti galchi.

Qubannoo

Hiriira sarjaa kan sarara garagareessaa fili. Dirqalii kun kan jiraatu, yoo gatiin Hojjaa sararaa, 100% gad tahe qofa.

Itti fayyadami

Maalima isaa teessuma sarjaa irratti fayyadamuu barbaaddu fili. Dirqalaan kun kan jiraatu, yoo qaaqa Dhangi'u - Tarjaalee filatte qofa.

Amala

Kallatti barruu

Keewwata teessuma barruu walxaxxaaf (CTL) kallattii barruu ifteessi. Amali kun kan jireessu yoo deegarsi teessumni barruu walxaxxaan dandeessisame qofa.