Galfatoowwan (Moorquusa)

Galfatoota moorquusaatiif, dhangii ifteessi.

Ajaja kana bira gahuuf...

D'oh! You found a bug (text/swriter/00/00000404.xhp#verz37 not found).


Akaakuu

Akaakaawwanni agarsiifaman kun maddaawwan hojbarruu addaa addaa irratti hundaa'u.

Caasaa fi Dhangeessuu

SararichiCaasaa galfataawwan kasaa keessaa, akkamiin akka barqiifaman murteessa. Danaa galfata tokkoo jijjiiruuf, lakkadda yk barruu saanduqaawwan duwwaa sarara kana iraa jiranitti, lakkadda yk barruu galchuu ni danddeessaa. Akkasumas, saaduqa duwwaa yk lakkadda tokko keessatii cuqaasuu fi ittaansitee qabduu lakkaddaa tokko cuqaasuu nidandeessa.

Dhaabduu caancalaa (T)

Dhaabduu caancalaa tokko saaga. Xuqaawwan dursaa dhaabduu caancalaatti ida'uudhaaf, Fill character box keessaa arfii tokko filadhu. Qubannoo dhaabduu caancalaa jijjiiruudhaaf, saanduqa Qubannoo dhaabduu caancalaa keessaatti gatii tokko galchi, yk ammoo saanduqa filannoo Mirga hiriirsi filadhu.

Akaakuu

Galfatoota moorquusaa jiran tarreessa. Galfata sarara Caasaatti dabaaluudhaaf, galfaticha cuqaasiitii, sarara Caasaa irraa sanduqa duwwaa keessa cuqaasi, kana booda Saagi cuqaasi. Galfatoota haaraa idaa'uuf, qaaqa Galfata Moorquusaa Ibsi fayyadami.

Saagi

Lakkadda wabii galfata moorquusaa filatameetiif gara sarara Caasaatti ida'a. tarree keessaa galfata filadhuutii, sanduuqa duwwaa keessaa cuqaasi, kana booda qabduu kana cuqaasi.

Haqi

Lakkadda wabii filatamee, sarara Caasaa irraa haqa.

Akkaataa Arfii

Akkaataa dhangeessuu, Sarara caasaa irraa, qaama isa filatameef ifteessa.

Gulaali

Qaaqa bakka akkaataa arfii filatamee itti gulaaluu dandeessu bana.

Arfii guuti

Ajajaa caancalaa isa fayyadamuu barbaaddu filadhu.

Qubannoo dhaabduu caancalaa

Mudana fuula bitaa fi dhaabduu caancalaa gidduutti fageenya dhiifamuu malu gachi.

Mirgatti hiriirsuu

Gara mudana fuula mirgaatti dhaabduu caancalaa hiriirsa.

Dhaan fooyi

Galafatoota moorquusaatiif dirqalaawwan fooyinsaa ifteessa.

Qubannoo Galmee

Akkaataa qubannoo wabiiwwan galmee isaanii keessatti galfatoota moorquusaa foo'a. Yoo wabiiwwan lakkoofsifame ofumaan fayyadamuu barbaadde, dirqala kana filadhu.

Qabiyyee

Furtuuwwan foo'a isa ati ifteessiteen, galfatoota moorquusaa foo'a. Fakkeenyaaf, barreessaa, yk bara maxxansaatiin foo'a.

Furtuulee Foo'insaa

1, 2 yk 3

Galfata isa galfatoota moorquusaa itiin foo'u barbaaddu filadhu. Dirqalii kun kan jiraatuu, yoo qabduu raadiyoo Qabiiyyee bakka Bifa bifaan foo'i keessaa yoo filatte qofa.

AZ

Galfatoota moorquusaa tartiiba aabaa oleetiin foo'a.

ZA

Galfatoota moorquusaa tartiiba aabaa irraa gaditiin foo'a.