Kuusadeetaa

You can insert fields from any database, for example, address fields, into your document.

Ajaja kana bira gahuuf...

Saagi - Dirreewwan - Kabiroo - Kuusaa Deetaa caancala jedhu filadhu


Akaakuu

Akaakuuwwan dirree jiranii tarreessa. galmee keetti dirree ida'uuf, Akaakuu dirree cuqaasitii, dirree tarree Filadhu keessaa cuqaasi, kana boodaa, Saagicuqaasi. Dirreewwanii kanaan gadii jiru:

Akaakuu dirree

Hika

Kuusaa kamuu

Qabeentoota kan dirree kuusadeetaa inni ati sanduuqa Lakkoofsa Kuusaa keessatti, akka dirree makiinsa ergannootti ifteessite, yoo Haala inni ati galchite milkaa'e, saaga.

Kuusaawwan heddu galmee tokko keessatti saaguuf, dirree kana fayyadamuu nidandeessa. Salphatti, dirreewwan unka xalayyaa, wara kuusaa tahe tokko fayyadaman, fulduratti dirree Kuusaa Kamiyyuujedhu saagi.

Maqaa Kuusadeetaa

Maqaa gabatee kuusadeetaa filatamee, sanduuqa Filannoo kuusadeetaa keessatti saaga. Dirreen "Maqaa Kuusadeetaa" dirree xurbeetti. kuniisi, yoo maqaa kuusadeetaa addaa adda galmee kee keessatti saagdee, qabeentootii dirreewwan "Maqaa Dirree" duraan saagamaan mari niharoomu.

Dirree makiinsa ergannoo

Akka ati galmee makiinsa ergannoo tokko uumuu dandeessuuf, maqaa dirree kuusadeetaa tokko akka iddooqa tokkootti saaga. Yammuu ati unka xalayyaa maxxansiituu, qabeentaan dirree ufmaan saagama.

Kuusa Ittaanuu

Yoo haalii ati murteessitee milkaa'e, qabeentoota dirree makiinsa ergannoo isa itti aanuu galmee kee keessatti saaga. Kaasichi ati akka dabalamu barbaaddu, mul'anno madda deetaa keessaa filatamuu qaba.

Dirricha "Rikoordii ittaanaa" jedhu, qabeentaawwan rikoordii tartiibaan jiranii, warra dirreewwan makiinsa ergannoo galmee keessaa gidduutti saaguuf, fayyadamuu ni dandeessa.

Lakkoofsa kuusaa

Lakkoofsa kan rikordii kuusadeetaa filatame saaga.


Sajoo Yaaddannoo

Dirreewwan armaan gadii saagamuu kan danda'u, yoo Akaakuun dirree walgitaanii tarree Akaakuu keessatti filatame qofa.


Filmaata Kuusa Deetaa

Gabatee kuusadeetaa ykn gaafata kuusadeetaa, isa akka dirrichi wabeefatu barbaaddu, filadhu. Dirreewwan kuusadeetaa yk gafata tokko ol irra, galmee keessatti dabaluu nidandeessa.

Haala

Dirreewwan Haalatti koronyateef, bakka kanatti ulaagaalee galchi.

Yoo barbaade, qabeentaawwan dirreewwan "Rikoordii Kamiyyuu" fi "Rikoordii Ittaanaa" jedhamanii saagamuu isaaniin dura, haala mirkana'uu qabu tokko ramaduu nidandeessa.Haalli durtii, yoo barruun haalaa sun hinjijjiiramu ta'ef, "Dhugaa", kunis haalichi yeroo hundaayyuuu dhugaadha jechuu taha.

Lakkoofsa kuusaa

Lakkofsa rikoordii, isa yeroo haalli ati ifteessite galma gahu, saaguu barbaaddu galchi. Lakkoofsi rikoordii kun filannoo ammaa isa mul'annoo madda deetaa keessaatti akeekama. Fakkeenyaaf, rikordiiwwan dhuma irra jiran 5, kuusadeetaa rikoordii 10 qabate tokko keessaa yoo filatte, rikoordii isa jalqabaatiif lakkoofsi isaa 1 taha, malee 6 hintahu.

Sajoo Yaaddannoo

Dirreewwan, kuusadeetaa addaa keessaa (yk ammoo,gabatee yk gaafata addaa kuusadeetaa sanuma irra jiran keessaa) yoo waabeffatte, LibreOfficen lakkoofsa rikoordii kallattii filannoo ammaatiin jiru addeessa.


Dhangeesi

Select the format of the field that you want to insert. This option is available for numerical, boolean, date and time fields.

Kuusdeetaa irraa

Dhangii qindaa'e kuusadeetaa filatame keessatti fayyadama.

Sakatta'i

Bakka faayilii kuusadeetaa (*.odb) tokko itti filachu dandeessuu, qaaqa faayiliin tokko banaadha jedhu bana. Faayilichi filatamaa tarree Filannoo Kuusdeetaatti ida'ama.

Hiika fayyadamaa

Dhangii isa Tarree dhangiiwwan hiika fayyadamaakeessaa filatte fayyadama.

Tarree dhangiiwwan hiika fayyadamaa

Lists the available user-defined formats.

Xalayyaa unkaa tokko maxxansuu

Yammuu galmee dirreewwan kuusadeetaa of keessaa qaban maxxansiituu, qaaqaan xalayyaa unkaa maxxansuuf akka barbaaddu sigafata. Yoo deebiin kee Eyee tahe, qaaqaan, Mail Merge bakka kuusaawwan kuusadeetaa maxxansuuf filachu dandeessu bana.