Waabeffannaa

Iddoon kun galmee ammaa keessatti, wabiiwwan yk dirreewwan wabeefamanitti isa saagduudha. Wabiiwaanii, galmee walfakkataan yk galmeewwan xiqqaa galmee guddaa tokko keessatti dirreewwan wabeefamaniidha.

Bu'aan akka dirreetti waabeffannaa galchuu, yeroo galmee hundaa jijjiirtu, hujeekaan wabiiwwan qindeessuun sinbarbaachisu. Amma, F9 dhaan dirree yoo haroomsittee, akkasuumas wabiiwwan galmee keessaas siif haroomu.

Ajaja kana bira gahuuf...

Saagi - Dirreewwan - Kabiroo - Waabeffannaa caancala jedhu filadhu

Choose Insert - Cross-reference


Waabeffannoowwan Saaguu

Akaakuu

Akaakuuwwan dirree jiraanii tarreessa. Galmee keetti dirree idaa'uuf, akaakuu dirree cuqaasitii, tarree Filaannoo keessaa dirree tokko cuqaasi, kana booda Saagi cuqaasi. Dirreewwanii kanaan gadii warra jiraniidha:

Akaakuu

Hika

Wabii Qindeessi

Dirree wabeefameef galtee qindeessi. Maqaa jalatti, wabiif maqaa tokko galchi. Yammuu wabii saagduu, maqaan tarree sanduuqaa Filaannoo keessatti akka beeksisootti mul'ata.

Galmee HTML keessatti, dirreewwan wabii akka kanatti saagamaan ni tuffatamu. galtee galmee HTML keessatiif, toorbarruu tokko saaguqabda.

Wabii Saagi

Galmee keessaa qubannoo kabirootti wabii tokko saaguu. Walqunnamtiin qubannoo barruu jalqaba "Wabii Qindeessii" waliin ibsaamu qaba. kanaan achi, maqaa dirree Filannoo filachuun wabii saaguun hindanda'amu.

Galmeewwan hundataa keessaa, galmee xiqqa tokkoo irraa kabirootti wabeefachuu nidandeessa. Akka yaadannootti dirree filannoo keessatti maqaan wabii waan hinmul'aneef, "harkaan" saagamuu qaba.

Galmee HTML keessatti, dirreewwan wabii akka kanatti saagamaan ni tuffatamu. galtee galmee HTML keessaatiif, geessituu tokko saaguu qabda.

Matadureewwan

Saanduqii Filaannoo, akka durduuba mul'annoo isaaniitti kan tarree matadureewwan maraa galmee keessa jiranii mul'isa.

Kewwattoota Lakkoofseefaman

Sanduqii Filannoo, tarree matadureewwan lakkoofseefamaniif kewwattoota lakkoofseefamanii maraa akka durduuba mul'annoo isaaniitiin galmee keessa jiranitti mul'isa.

Toorbarroota

Toorbarruu tokko galmicha Saagi - Toorbarruuwaliinii keessatti saaguun booda, galfati toorbarootaa caancalaWabiilee irraa fayyadamuuf qophii ta'a. Toorbarrootni, ceyiitiiwwan barruu ta'aani mallatteessuuf fayyadu. Galmee barruu tokko keessatti, fakkeenyaaf, galmee barrichaa keessatti, ceyiitii tokko irraa kabirootti utaaluuf, toorbaroota jiraan fayyadamuu nidandeessa.

Galmee HTML tokko keessatti, toorbarrootni kun korkoddiiwwan <A name> warra geessituuwwan fakkeenyaa murteessaan ta'u.

Miiljaleewwan

Yoo galmeen kee miiljalee qabaate, galfata Miiljaleewwanii filachuu dandeessa. Wabiin gara miiljalee lakkoofsa miiljalee deebisa.

(Wantoota qabiiwwan waliin saagaman)

wantootaa qabiiwwan hojjatoo qabanitti wabiilee qinddeessuu nidandeessa. Fakkeenyaaf, suuraa tokko saagii, suuraa sana mirga cuqaasi, qabii filadhu. Kana booda, wantichi akka "Fakkiibsaa" lakkoofsifamee tokkotti tarricha keessatti mul'ata.


Sajoo Qaxxee

Wabiiwwan dirreelee dha. Wabii tokko haquuf, dirricha haqi. Yoo barruu irra dheeraa tokko akka wabiitti qindeessitee, erga wabicha haqxee booda, deebiste saaguu hinfeetu ta'e, barrucha filadhuutii gabatee-muraatti garagalchi. Kana itti aansuun, akka "barruu hindhaangeffamne" itti ajajicha Gulaalii - Maxxansa Addaa jedhu fayyadamuun qubannoo isaa duraatti deebistee saaguu nidandeessa. Yoona egaa, wabichi haqamuyyuu barruchi niqabata (hin badu).


Filannoo

Lists the available fields for the field type selected in the Type list. To insert a field, click the field, select a format in the "Insert reference to" list, and then click Insert.

Sajoo Qaxxee

To quickly insert a field from the list, hold down and double-click the field.


Tarree Wabii saagiif keessatti, dhangii isa fayyadamuu barbaaddu cuqaasi.

Wabii saagiif

Dirree wabii isa filatameef, dhangii isa fayyadamuu barbaaddu filadhu. Dhangiiwwan itti aanaan siif jiratu:

Dhangeesi

Hika

Fuula

Lakkoofsa fuula isa galtee wabii qabate jiru saaga.

Wabii

Barruu galtee wabii guutuu saaga. Ibsadabalataaf lakkoofsa ibsadabalataatuu saagama.

Irra/Jala

Iddoo galtee wabichaa itti qabata qubannoo dirree wabichaa irratti hundaa'uun, "irra" yk "jala" saaga.

Akka Haalata Fuulaatti

Lakkoofsa fuula isa galtee wabii qabate jiruu, dhangii haalata fuulaa keessatti ifteefame irratti hundaa'uun, saaga.

Lakkoofsa

Lakkoofsa mataduree yk keewwata lakkoofsifamee, sadarkaalee ol-aannoo dabalatee, halqaraa irratti hundaa'uun, saaga.

Lakkoofsa (halqara hinqabne)

Lakkoofsa mataduree yk keewwata lakkoofsifamee qofaa saaga.

Lakkoofsa (halqara guutuu qabu)

Lakkoofsa mataduree yk keewwata lakkoofsifamee, sadarkaalee ol-aannoo dabalatee, saaga.

Boqannaa

Lakkoofsa boqonnaa galtee wabii qabate jiruu, saaga.

Garsuu fi Lakkoofsa

Akaakuu (Akaakuu qabii) fi lakkoofsa kan galtee wabii saaga. Filaannoon(dirqalaa) kun yammuu galteen wabii wanta ibsaduree xiqaa(ibsituu) qabu ta'u qofa jiraata.

Barruu Qabii

Asxaa ibsaduree, kan galtee wabii saaga. Filaannoon kun jirachuu kan danda'u, galteen wabiichaa wanta ibsaduree waliin jiru yoo ta'e qofadha.

Lakkaawwii

Lakkoofsa ibsaduree, kan galtee wabii saaga. Filaannoon kun jiraachuu kan danda'u, galteen wabiichaa wanta ibsaduree waliin jiru yoo ta'e qofadha.


Sajoo Yaaddannoo

Dhangichi "Lakkoofsaa" lakkoofsa kan mataduree yk keewwata lakkoofsifamee saaga. Sadarkaaleen olii, akkaataa barbaachisna isaatti halqara irratti hundaa'uun itti dabalamu.


Sajoo Yaaddannoo

Fakkeenyaaf, boqonnaa 1 keessaa yammuu jirtuu, boqannaa xiqqaa 2, kutaa xiqqaa 5, kun akka 1.2.5. tti lakkaawwamuu danda'uu. Iddoo kanati wabii barruuf kutaa xiqqaa "1.2.4" kan duuranii keessatti yammuu saagduu akkasuumaas dhangii "Lakkoofsa" yammuu fayyadamtuu, itti aansee wabiin akka "4" tti mul'ataa. Qindaa'ina irratti hunda'uun, fakkeenyaa kana keessatti yoo lakkaawwiin sadarkaa xiqqaa dabaluu mul'isuuf qinda'ee, qindaa'ina irratti huundaa'uun, wabiichi akka "2.4" yk "1.2.4" tti mul'ataa. Yoo dhangii "Lakkoofsa (halqara guutuu)" fayyadamte, lakkaawwiin keewwataa akka barbaadetti yoo dhangeefamee'uu, yeroo huundumaa "1.2.4" argitta.


Maqaa

Maqaa dirree hiika fayyadamaa isa uumuu barbaaddu, barreessi. Galtee qindeessuuf, tarree Akaakuu keessaa "Wabii Qindeessii" cuqaasiitii, kana booda, sanduuqa keessatti maqiicha barreessiitii, Saagi filadhu. Wabii galtee haaraaf, tarree maqaa galtee keessaa Filaannoo cuqaasi.

Galmee hundataa tokko keessatti, galteewwanii galmee xixiqqaa adda addaa keessaa, tarree Filannoo keessatti hinagarsiifaman. Galteef wabii tokko saaguu yoo barbaaddee, sanduuqa Maqaa keessatti maqaaf xurree galtiichaa barreessuu qabda.

Gatii

Dirreewwan hiika fayyadamaatti, qabeentoota idaa'uuf barbaadduu galchi.

Galmee keessaa barruu yoo filattee, wabii tokko saagdee, barruun filatame kun qaamma dirree isa atti saagdee sannaa ta'a.