Dirree Gulaali

Iddoo qaaqa amaloota dirree itti gulaalu dandeessu siif bana. Dirree fuula durraa cuqaasitii kana booda ajaja kana fili. Qaaqa kan keessaatti, qabduu xiyya dirree kan duraa yk itti aanuu akka siif siqsu fayyadaamu ni dandeesa.

Dirree galmee kee irraa bantee gulaaluuf dirree irra lama cuqaasuu ni dandeesa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Gulaali - Dirreewwan filadhu


Sajoo Qaxxee

To change the view between field names and field contents in your document, choose View - Field Names.


Sajoo Yaaddannoo

Yoo walqabsiisaa DDE galmee kee keessaa filattee, kana boodaa, qaaqa Gulaali - Dirreewwan, kana Walqabsiisaa Gulaali bana.


Sajoo Yaaddannoo

Yoo dirree Akaakuu kan "Ergaa" dura erga cuqaastee booda Gulaali - Dirreewwan filattee, qaaqa Deetaa fayyadammaa kana bana.


Akaakuu

Akaakuu dirree atti gulaaluutuu tarreesaa.

Sajoo Yaaddannoo

Miseensi qaaqa kanani gadii kan mul'ataan yammuu Akaakuu dirree filataamee wal gitaan qofa.


Filadhu

Dirree filaatameen tarreessa, fakkeenyaaf, "fixed". Yoo barbaadee, Akaakuu dirree filataameef dirqala kabiroo cuqaasu ni dandeesssa.

Dhangeesi

Qabeentoota dirreettif dhangii fili.Deetaaf, sa'aatii, akasuumas hiika fayyadamaa dirree, tarree keessa "Dhangii dabalataa" cuqaasuu ni dandeessa , isa booda dhangii addaa fili. Dhangiin jiruu Akaakuu dirree atti gulaaluu irratti hunha'aa.

Iddooda

Akaakuu dirree filataameef iddoodaa agarsiisa, fakkeenyaaf, "Fuula Itti aanuu ," " Lakkoofsas Fuula" yk "Fuula Duraanii". Gatii iddoodaa haaraa kan lakkoofsa fuula agarsiisaamee irratti ida'amuu saaguu ni dandeessa.

Sajoo Ofegannoo

Lakkoofsa fuulaa mul'atuu osoo hintaanee, lakkoofsa fuulaa isa dhugaa jijjiiruu yoo barbaade, gatii Iddoodaa hinfayyadamiin. Lakkoofsoota fuulaa jijjiiruu yoo barbaade, qajeelfama Lakkoofsa Fuulaa kana duubisi.


Sadarkaa

Hiika gatiilee fi sadarkaa toorii "Boqannaa" Akaakuu dirreef jijjiiri.

Maqaa

Jijjiiramaa maqaa dirree agarsiisaa. Yoo barbaadee, maqaa haaraa galchuu ni dandeessa.

Gatii

Jijjiiramaa gatii dirree ammaa agarsiisaa. Yoo barbaadee, gatii haaraa galchuu ni dandeessa.

Qabiyyee siranaa

Dirricha akka qabiiyyee dhaabataa, jechuunis, akka foyyaa'u hindandeenyetti saaga.

Haala

Haala akka dirreen kaka'uuf ta'uu qabu agarsiisa.yoo barbaade, haalahaaraa saaguu ni dandeessa.

Sanabooda, Kanamalee

Haalii dirree ta'uus ta'uu batuus irratti hunda'ee qabeentoota dirree agarsiisame jijjiiri.

Maakroo

Galmee keessaa dirree filatame yeroo cuqaastu maakroo isa dammaqu bakka ati irraa filachuu dandeessu, Filataa Maakroo bana. Qabduun kun dirree dalagaa "Maakroo raawwadhu" qofaaf jiraata.

Wabii

Dirree filataameef barruu wabii saaga yk ifteessa.

Maqaa maakroo

Maqaa maakroo, dirree filatame ramadame agarsiisa.

Iddooqa

Iddooqa barruu kan dirree filataamee agarsiisa.

Barruu Saagi

Barruu haalatti walqabate agarsiisa.

Foormulaa

Foormulaa dirree foormulaa agarsiisa.

Mul'atala

Qabeentoota dirree galmee keessaa dhoksa. Dirrichi akka mallattoo ajaja qalootti galmee keessatti saagama. Dirqalii kun kan jirachuu dandaa'u, yoo akaakuuwwanii dirree "Gegeeddarama Qindeessi" fi "Dirree Fayyadamaa" tiif qofa.

Fayyadami

Tarree Filannootti dirree hiika-fayyadamaa ida'a.

Sajoo

Fayyadami

Haqi

Tarree filannoo irraa dirree hiika-fayyadamaa haqa. dirreewwan galmee ammaa keessatti itti hinfayyadamne qofaa haqu nidandeessa. Tarree keessaa, dirree isa galmee ammaa keessatti itti fayyadamaa jirtu haquuf, jalqaba, dirree wara galmee keessaa wal-fakkatan mara haqi, kana booda, tarree irraa haqi.

Sajoo

Haqi

Filmaata Kuusa Deetaa

Uunka dirree filataamee kan kuusadeetaa irratti galma'ee saaguu barbaaddu fili. Gabatee yk gaafataa kan dirree filaatamee agarsisuu akasumaa jijjiiru ni dandeesssa.

Lakkoofsa kuusaa

Haali ifta'ee Akaakuu dirree iddoo gahee kan "Kuusaa kami'u" Kuusadeetaa lakkoofsa Kuusaaf agarsiisa.

Xiyya Bitaa

Gara dirree duraanii galmee keessaa Akaakuun walfakkataanitti utaala. Qabduun kun kan ka'uu danda'uu, yammuu galmeen dirree akkaakuu tokko ol ofkeessaa qabatee dha.

Icon

Dirree Duraani

Xiyya Mirga

Gara dirree itti aanuu galmee keessaa Akaakuun walfakkataanitti utaala. qabduun kun kan ka'uu yoo galmeen dirree Akaakuun wal fakakataan tokkoo ol of keessa qabaate qofa.

Icon

Dirree Itti Aanuu

Waa'ee Dirreewwanii