Baafatoota

Kutaan itti aanu matduroota gargaarsa baafatoota fi qaaqootaaf oolan tarreessa.

Sajoo Yaaddannoo

Foddaan galmee of keessatti qabate ati irratti hojjechuu barbaaddu akka ajajoota baafataa fayyadamuuf filatamuu qaba. Haaluma walfakkatuun, ajajoota baafataa wanta waliin firooman fayyadamuuf wanta galmee keessaa filachuu qabda.


Sajoo Ofegannoo

Baafatawwan rifachisaa halqalaati. Kana jechuun maalimootni baafataa kun hojii amma hojjetamaa jiruuf faayidaa qabeessa ta'anii jiraatu. Yoo qareen barruu keessatti iddeeffame, maalimootni baafataa barruu gulaaluuf fayyadan hundi ni jiraatu. Yoo galmee keessaa saxaatoo filatteetta ta'e, maalimoota baafataa saxaatoo gulaaluuf fayyadan hunda agarta.


Faayilii

Ajaja kana galmee ammaattiif fayyadami, galmee haaraa bani, yk fayyadamaa cufi.

Gulaali

Baafatni kun ajajaawwan qabeentoota galmee ammaa keessa jiran gulaalaf fayyadan qabata .

Mul'isi

Bafatii kun, ajajawwan galmichaa agarsiissaa agartiirraa too'atan of keessaa qaba.

Saagi

Bafatii kun, ajajawwan isa miseensa haaraa galmee keessatti fakkeenyaaf, saxaatoo, wantawwan, arfiilee addaa fi faayiliiwwan kabiroo saaguuf fayyadu of keessaa qaba.

Dhangii

Ajajawwan teessuma dhangeessuu fi qabeentoota galmee keetii of keessaa qaba.

Ellipsii

This menu provides slide management and navigation commands.

Agarsiisa Islaayidii

Ajajawwan fi dirqalawwan dhiheessaa tokkoo kaasuuf gargaaran of keessaa qaba.

Meeshaalee

Meeshaalee qubeeffannoo, kuusaa faayaa tokko kan faayoo wanta isa ati galmee keessatti ida'uu dandeessuu, akkasuumas meeshaalee bafatawwan qindeessuu, fi fedhiilee sagantaa ijaarsaa of keessaa qaba.

Foddaa

Ajajoota foddaa galmee irratti hojjechuu fi agarsiisuu of keessatti qaba.

Gargaarsa

Bafatii Garagarsichaa, kaasuu fi sirna Gargaarsaa LibreOffice too'achu siif hayyama.