bookmark_value>

Baqqaana Waliin Hojachuu

Fakkasu Baqqaannoota garagaarsa Fakkasaa LibreOffice keessa.

Baqqaana filachu

Baqqaana filachuuf, cancaala maqaa iddoo hoojii jalatti argaman cuqaasi.

Sajoo Qaxxee

Amaloota baqqaanaa lama-cuqaasi.


Baqqannoota dhooksu

  1. Baqqaana fili, kana booda Dhangii - Baqqaana fili.

  2. Iddoo Amaloota keessatii, sanduuqa filannoo Mul'atu haqi.

  3. TOLE cuqaasi.

Cancaala maqaa baqqaana keesssatti, halluun barruu maqaa gara cuquulisaatti jijjirama.

Sajoo Qaxxee

Yeruuma furtuu jijjiiraa gadi qabaa jirtu yoo cancaala baqqaana cuqaaste baqqaana kana akka mul'atu ykn hin mul'annee gochu dandeessa.


Baqqaana dhookatee mul'isu

  1. Baqqaana dhookatee fili kana booda Dhangi - Baqqaana fili.

  2. Bal'ina Amaloota keessatii, sanduuqa filannoo Mul'atu haqi.

  3. TOLE cuqaasi.

Baqqannoota cufu

  1. Baqqaana fili, kana booda Dhangii - Baqqaana fili.

  2. Bal'ina Amaloota keessaa, sanduuqa filannoo Qulqqulleessi fili.

  3. TOLE cuqaasi.

Baqqaana cufameerratti wantoota gulaalu hin dandeessu.

Baqqannoota cufuu dhiisu

  1. Baqqaana cufamee fili, kana booda Dhangii - Baqqaana fili.

  2. Bal'ina Amaloota keessaa, Cufaasanduuqa filannoo qulqulleessi.

  3. TOLE cuqaasi.

Waa'ee Baqqaanoota

Baqqaanoota saaguu

Wantoota gara baqqaana adda addaatti siqsu