Sadarkaa Ittisaa

Sadarkaa macro security dirqaalaalee afur keessaa filadhu. Dirqaalaaleen akkaataa sadarkaa ittisaatiin gargar ta'u. Macros ittisa sadarkaa olaanaa keessatti raawwachuu danda'an ittisa sadarkaalee gadaanaa hunda keessatti ni raawwatu.

Baay'ee olaanaa

Maakiroon maddi isaanii bakkeewwan faayilii amanamaa irraa ta'an qofatu raawwachuu danda'a. Kanneen biro, yoo signe ta'anis baatanis, ni dadhabsiifamu.

Bakkeewwan faayilii amanaman fuula caancala Maddawwan Amanamaa irraatti qindaa'u. Maakiroo bakka faayilii amanamaa irraa dhufan hunduu raawwachuu danda'u.

Olaanaa

Maakiroon mallattaa'e kan madda amanamaa qofatu raawwachuu danda'u. Maakiroon hin mallattoofnes ni dadhabsiifamu.

Maddawwan amanaman fuula caancala Maddawwan Amanamaa irraatti qindaa'u. Signed macros kan madda amanamaa qofatu raawwachuu danda'u. Dabalaan, macro bakka faayilii amanamaa irraa dhufan raawwachuu danda'u.

Giddugaleessa

Dhugoomsa maakiroon maddi hin beekamne raawwachuun dura barbaachisu.

Maddawwan amanaman fuula caancala Maddawwan Amanamaa irraatti qindaa'u. Signed macros kan madda amanamaa raawwachuu danda'u. Dabalaan, maakiroo bakka faayilii amanamaa irraa dhufan raawwachuu danda'u. maakiroon biraa hundi odeeffannoo kee barbaadu.

Gadaanaa(hin jajjabeeffamu)

Maakiroon hunduu dhugoomsa malee raawwatu. Qindaa'ina kana yoo galmeeleen banaman hundi nagaa ta'uu isaanii abdatte qofa fayyadami.

Maakiroo ufmaan jalqabsiifamuu danda'a, akkasumas gochaalee badii raawwachuu danda'a, kan akka fakkeenyaaf faayiloota balleessuu yookiin maqaa jijjiiruu. Qindaa'inni kun yeroo galmeelee barreessaa biraa bantu hin jajjabeeffamu.