Ramaddii Daandii

Ukaankotaa fi haddaarsota gara ramaddii daandii Java dabaluuf gongee dhaamsaa kanatti fayyadami. Daandiileen kun JRE jalqabdu kamiifuu ni raawwatu.

Ajaja kana bira gahuuf...

Choose - LibreOffice - Advanced.


Ukaankotaa fi haddaarsota ramadaman

Bakka ramaddiiwwan Java yookiin kuusaan sagantaa Java ifteessa. Daandiin ramaddii haaraa kan dhugoomu erga LibreOfficelamkaasamee booda dha.

Sajoo Ofegannoo

Ramaddiiwwan Java kan karaa daandii ramaddii argataman dhugoomsa ittisaa hin adeemsisan.


Haddaarsa Dabali

Faayilii haddaarsaa jar yookiin zip keessaa filadhuutii faayilicha gara ramaddii daandiitti dabali.

Ukaankaa Dabali

Ukaankaa filadhuutii gara ramaddii daandiitti dabali.

Balleessi

Haddaarsa yookiin ukaankaa tarree keessaa filadhuutii waanta ramaddii daandii keessaa balleessuuf Balleessi cuqaasi.