Application Colors

Halluuwwan walquunnama fayyadamaa LibreOffice qindeessa. Qindaa'inoota ammee akka gurmoo halluutti olkaa'eessee booda fe'uu dandeessa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Choose - LibreOffice - Application Colors.


Gaheenya LibreOffice

Gurmoo halluu

Gurmoolee halluu olkaa'uu fi balleessuu.

Gurmoo

Gurmoo halluu fayyadamuu barbaaddu fila.

Olkaa'i

Qindaa'inoota ammee akka gurmoo halluutti kan booda lam fe'uu dandeessu olkaa'a. The name is added to the Scheme box.

Maqaa gurmoo halluu

Gurmoo halluuf maqaa galchi.

Balleessi

Gurmoo halluu sanduuqa Gurmoo keessatti agarsiifame balleessa. Gurmoo durtii balleessuu hin dandeessu.

Gurmoo

Maamiloota walquunnama fayyadamaatiif halluuwwan filadhu.

Halluu maamila walquunnama fayyadamaa irratti raawwachuuf, sanduuqni dhugoomsaa fuuldura maqaa jiru akka mallattaa'e addaan baasuu qabda. Maamila walquunnama fayyadamaa dhoksuuf, sanduuqa dhugoomsaa haqi.

Sajoo Yaaddannoo

Maamilootni walquunnama fayyadamaa muraasni dhoksamuu hin danda'an.


Sajoo Yaaddannoo

Mul'ina qaree dabaluuf, yoo fayyadamaan halluu duubee walakkaa 40% fi 60% qindeesse, ufmaan gara 40% jijjiirama.


Qindaa'inni halluu Ufmaan maamila walquunnama fayyadamaa gara halluu ammee gurmoo halluutti jijjiira.

Qindaa'inootni halluu "Hidhaawwan daaw'ataman" fi "Hidhaawwan hin daaw'atamne" galmeelee erga qindaa'inootni raawwatanii booda uumaman irratti raawwata.