Kabala Tuqaalee Gulaali

Kaballi Tuqaalee Gulaalikan mul'atu, yammuu wanta rogaddee filatuufii Tuqaalee Gulaali cuqaastuudha.

Dalagii dhiiyaatte kun, tuqaalee qonyoo ykn wantaa gara qonyootti jijjiiramee akka gulaaluuf siif hayyama. Sajoowwan armaan gadiitu jira:

Tuqaalee Gulaali

Sajoon Tuqaalee Gulaali wantawwan BĂ©zieriif, haalata gulaaluu akka kakaasuu yk kaka'uumsala tasiiftu siif hayyama. Haalata gulaaluu keessatti, tuqaaleen wanta fakkasaa mata mataan filatamuu nidandaa'a.

Sajoo

Tuqaalee Gulaali

Tuqaalee Siqsi

Haalata isa ati tuqaalee ittiin siqsuu dandeessuu kakaasa. Qareen hantuuttee yammuu tuqaa irra tahu arfakkuu duwwaa xinnoo agarsiisa. Tuqaa sana bakka biraatti harkiisi. Sochii qonyoo kan tuqaa moggaalee lachanii irraa faana bu'a; kutaan qonyoo tuqaalee ittaanuu gidduu boca jijjiira.

Qonyoo tuqaalee lama gidduutti ykn qonyoo cufaa keessaa xiyyeefadhu kana booda, osoo unkichii hingooliin akka guutuummaa qonyoo jijjiiruuf hantuuttee harkiisi.

Sajoo

Tuqaalee Siqsi

Tuqaalee saagi

Haalataa saaguu kakaasa. Haalataan kun, akka ati tuqaalee saagduu siif hayyama. Akkasuumas tuqaalee akkuuma haalataa siqsuu keessatti siqsuu nidandeessa. Haatahu malee, yoo qonyoo tuqaalee lama gidduu cuqaastee, hantuuttee xinnoo turtee qabduu hantuuttee gad-dhiibdee, tuqaa haaraa tokko saagda. Tuqichii, tuqaa siimessa dha, akkasuumas sararawwanii tuqaalee too'atanii walmaddiidhaaf yammuu siqan hinjijjiiraman.

Yoo tuqaa xiyyoo uumuu barbaaddee, jalqaba tuqaa lachan siimessa tokko ykn walqixxaa tokko, isa kana booda Tuqaa Xiyyaa fayyadamuudhaan gara tuqaa xiyyootti jijjiiramuu saaguu qabda.

Sajoo

Tuqaalee saagi

Tuqaalee Haqi

Tuqaalee filataman keessaa tokko ykn hedduu haquudhaaf, sajoo Delete Points fayyadami. Yoo tuqaalee hedduu filachuu barbaaddee, qabduu Shift gad-dhiibdee tuqaalee warra sirii tahan irra cuqaasi.

Akka tuqaaleen haqamuf jalqaba filadhu, kana booda sajoo kana cuqaasi, ykn Del dhiibi.

Sajoo

Tuqaalee Haqi

Qonyoo Addabaasi

Sajoon Qonyoo Addabaa , qonyoo addabaasa. Bakka qonyoo addabaasuuf barbaadduutti, tuqaa ykn tuqaalee filadhu, kana booda sajoo cuqaasi.

Sajoo

Qonyoo Addabaasi

Qonyootti Jijjiiri

Qonyoo sarara qajeeelaatti ykn sarara qajeeelaa qonyootti jijjiira. Yoo tuqaa baqee tokko filattee, qonyoon tuqicha duraa nijijjiirama. Yoo tuqaa lama filattee, qonyoon tuqaalee lachan gidduu jiran nijijjiirama. Yoo tuqaalee lama caalan filattee, yammuu hundaa sajoo kana cuqaastuu, kutaan adda addaa qonyootu nijijjiirama. Yoo barbaachiisaa tahee argamee, tuqaalee korboo gara tuqaalee qonyootti akkasuumas tuqaalee qonyoo gara tuqaalee korbootti jijjiiramuu dandaa'a.

Yoo kutaan qonyoo keessaa bakkii tahe loomaa tahee, bakkii xumraa sararaa, yoo bayatee tuqaa too'annaa tokko mata mataan qaba. Sararii loomaan deebii'ee gara qonyootti hamma hinjijjiiramanti, gara tuqaalee korbootti fooyya'uu hindanda'anu.

Sajoo

Qonyootti Jijjiiri

Akeeki Xiyyoo

Tuqaa ykn tuqaalee filataman gara tuqaalee qonyootti jijjiira. Tuqaaleen konyoo, tuqaalee too'annaa socho'aan warra tokkoon tokkoon saanii ofdanda'oo lama qaba. Kanaafuu, sararii qonyoo qixaan tuqaa qonyoo gidduu hindeemu, garuu qonyoo uuma.

Sajoo

Akeeki Xiyyoo

Ceehumsa Siimeessa

Tuqaa qonyoo tokko ykn tuqaa walqixxaa gara tuqaa siimessaatti jijjiira. Lachan tuqaalee too'annaa kan tuqaa qonyoo walmaddiin hiriiruu, akkasuumas walfaanaa qofa siquu dandaa'u. Dheerinii tuqaalee too'annoo addaa, akka digirii qonyoo addaan siif baasuu hayyamuu tahuu mala.

Sajoo

Ceehumsa Siimeessa

Ceehumsa Sayimeetirriikii

Sajoon kun, tuqaa qonyoo ykn tuqaa siimessaa gara tuqaa walqixxaatti jijjiira. Tuqaaleen too'annaa kan tuqaa qonyoo lachuu, walmaddiin hiriiruu akkasuumas dheerina walqixee qabu. walfaana qofaa sochoo'u akkasuumas digirii qonyoo qixa lachutiif tokkicha.

Sajoo

Ceehumsa Sayimeetirriikii

BĂ©zierii cufi

Sarara ykn qonyoo cufa. Sararri kan cufamu tuqaa jalqabaa tuqaa ishee dhumaa iskuweerii guddifamteen agarsiifamtu walqbsiisudhaani.

Sajoo

BĂ©zierii cufi

Akeekiiwwan Balleessi

Akeekii ammee ykn akeekiiwwan filaman haquuf mallattoo irratti godha. Kun kan ta'uu danda'u yoo akeekiin kan sarara sirriirra jirtu ta'ee dha. Yoo sajoo Gara Qonyoo Jijjiiri tiin qonyoo tokko ykn rogaddee tokkoo, sarara loomaa tokkotti jijjiiruuf, ykn gara sarara loomaa tokkotti jijjiiruuf, ykn qonyoo tokko hantuutteedhaan akka tuqaan sarara loomaa irra oolutti yoo jijjiirte, ni haqama. Kofa hir'inni tuqaa irratti

Sajoo

Akeekiiwwan Balleessi