Takkaan Dhanguu galmee gaabbuu
Dhangiiwwan hundaa kan akkaataalee tiin hin hojjetamne ejjatoo muraasaan gaabbuu ni dandeessa.
Galmee barreessaa LibreOffice keessaa takkaan dhanguu hunda haquu
-
Barruu hunda filachuuf Ctrl+A dhiibi.
-
Dhangii - Dhangii Durtii fili.
Wardii Calc LibreOffice keessaa takkaan dhanguu hunda haquu
-
Wardiilee hunda filachuuf, furtuu Shift utuu dhiibaa jirtuu caancala wardii isa jalqabaa fi sanaan booda isa dhumaa cuqaasi.
-
Barruu hunda filachuuf Ctrl+A dhiibi.
-
Dhangii - Dhangii Durtii fili.
Dhiheessa LibreOffice keessaa takkaan dhanguu hunda haquu
-
Toorii mul'annoo banuuf, caancala Outline cuqaasi.
-
Barruu hunda filachuuf Ctrl+A dhiibi.
-
Dhangii - Dhangii Durtii fili.