Jijjiirraa fudhuu ykn Gatuu

Faankishiniin durargii LibreOffice keessatti galmeewwan barruu fi galmeewwan wardiif argama.

Yommuu galmee iddoo galmeen biroon jijjiiramanitti gulaaltu, jijjiirraa tokko tokkoon ykn walwajjiniin fudhu ykn gatu dandeessa.

  1. Yoo galagalchoota galmee hedduu marsaa keessa galchite, dursa galagalchoota kana galmee (ilaali Makinsa Fooyya`oota) tokkotti maki.

  2. Open the document and choose Edit - Track Changes - Manage. The Manage Changes dialog appears.

  3. Jijjiirraa caancalee Tarree irraa fili. Jijjiirraan galmee keessatti filama akkasumas agarsiisama kanaaf murtooke baafatota tokko waliin saaguu dandeessa.

Osoo barreessaan tokko kan jijjiirraa barreessaa biraa fooyyesse, jijjiirraa sadarkaadhaan mallattoo ida`utiin sadarkaa banuuf qindaa`e agarta.

Yoo tarreen baay`ee dheeraa ta`e, taabii Gingilchaatti qaaqa keessatti jijjiiruu dandeessa, akkasumas jijjiirraa barreessaa tokko tokko kan ilaaluu barbaade, ykn jijjiirraa guyyaa dhumaa qofa, ykn tarree bakka biraa tokkotti murtaa`e qofa ifteessi.

Galfatni halluu - lakkada`e bu`aa gingilchaa qidaa`ee agarsiisa. Galfatni bakka duwwaa keessaatti fudhatama ykn gatama akkasumas ulaagaalee gingilchituu waliin walsimata. Galfatni cuquliisa ofii isaanii ulaagaalee gingilchaa wal hin simsiisan, garuu cita galfata gingilchaatiin ofkeessatti qabame ni qabu. Galfatni fajajaa fudhatamuus ykn gatamuus hindanda`u akkasumas ulaagaalee gingilchaa waliin wal hin simatu. Galfatni magariisa gingilchaa walii walsimata garuu fudhatuu ykn gatamuu hin danda`u.