Kuusuu fi agarsiisuu Jijjiirraa

Sajoo Yaaddannoo

Faankishiniin durargii LibreOffice keessatti galmeewwan barruu fi galmeewwan wardiif argama.


Yeroo barreessitootni hedduun barruu ykn wardii walfakkaaturratti hojjetan, faankishiniin Kuusaawwanii keeddebuudhaan namoota jijjiirraa adda addaa uuman agarsiisi. Gulaali galmee xumuraa irratti, tokko tokkoo jijjiirraa ilaaluu fi fudhatamuu fi gatamuu isaa murteessuun danda`ama.

Fakkeenyaaf: gabaasa haaraa kee gulaaluu fi deebisuu dandeessa. Garuu gabaasni dirqama osoo hin maxxansamiin dura hayyuu gulaalaa fi dubbisaa akeekkoon dubbisamuu qaba, akkasumas lamaan isaaniyyuu jijjiirraa isaanii dabalu. Hayyuun gulaalaa keewwata tokkoo booda "mirkana" barreessuudhaan waamaraan kan biraatti darba. Dubbisaan akeekkoo qubeeffannoo galmee kee sirreessa.

Galmee gulaalame duubatti deebi`a, achii yaada keeddeebistoota lamaanii fudhachuu ykn tuffachuu dandeessa.

Hajennuuti dabalataan garagalcha gabaasa michuu garii fi wajjee hojii kan sifaana mataduree walfakkaaturratti qorannoo duraan qorate ergaa-e ni goota. Yaadaa xiqqoof ni gafatamta, akkasumas galmeen ergaa-e tiin yaada wajjee hojii waliin deebi`a.

Akka wajjee hojii kee fi taliigaa hundaa kubbaaniiyaa keessaa LibreOffice waliin hojjetu, bu`aa duubatti argate irraa galmee xumuraa fooyya'aa fiduu dandeessa.

Kuusuu Jijjiirraa

Jijjiirraa fudhuu ykn Gatuu

Fooyya`oota Galmee Walmadaalsisuu

Makinsa Fooyya`oota

Taliigaa Fooyya`aa

Protecting Changes