Teessoo Asxaalee Maxxansuu

  1. Qaaqa Asxaalee banuuf Faayelii - Haaraa - Asxaalee fili.

  2. Fuula caancala Asxaalee iirratti, dhangii asxaa wardilee irratti maxxansuu barbaadduu fili.

  3. Kuusadeetaa fi gabatee kan deetaa irraa argattu fili.

  4. Qabeentota dirree kuusa deetaa maxxansuu barbaadduu fili. Qabdoo xiyya bitaa dirree kuusa deetaa saanduqa Barruu Asxaa keessa saaguuf agarsiisu cuqaasi.

    Dirreewwan kuusa deetaa filuu fi saaguu itti fufi asxaa hunda irratti dirreewwan baay'ee yoo barbaadde. Sarara haaraa saaguuf Enter dhiibuu dandeessa, achiin barruu dhaabbataa saaguuf arfii kamuu barreessuu dandeessa.

  5. Akka filannootti, yoo barruu baay'ee maxxanssuu barbaadde, dhangeessiisa fayyadami, ykn fakkaattiwwan fi faaya sararaa saagi, Qabeentota walsimsiisi caancala Filannoowwan irratti dandeessisuu qabda. Yoo kana dandeessifte, yemmuu saanduqa qaaqa asxaalee dhiistu faddaa xiqqoon qabduu walsimsiiftuu wajjin banama. Amma asxaa jalqabaa galmee asxaalee irratti qofa hojjechuu barbaadda, achiin hojii kee galmee asxaa hundatti galagalchuuf qabduu walsimsiisii cuqaasi.

  6. Galmee Haaraa cuqaasi.

  7. Yemmuu galmee asxaa ilaaltu, Mul'ii - Maqoota Dirre dandeessisii dandeessa. Kun dirreewwan haala mul'atuun agarsiisa, kanaaf qabeentota asxaa baay'ee salphaatti qindeessuu fi gulaaluu dandeessa.

  8. Galmee asxaa olkaa'u fi/ykn maxxansuu dandeessa.

Yoo galmee maxxansuuf filattu, unka qubee maxxansuuf yoo barbaadde ni gaafatamta. Qaaqa Xalayaa Qindeessuu banuuf eeyyee deebisi.