Asxaalee fi kaardota bunaqaa uumuu fi maxxansuu

Kaardota Bunaqaa Qaaqa Keessan Saxaxuu

Faayelii - Kaardota bunaqaa -Haaraa banuuf kaardota bunaqa qaaqaa fili, kaardonni bunaqaa kee kun maal akka fakkatu filuuf sii hayyama.

Asxaalee fi kaardota bunaqaa saxaxuu

Asxaalee fi kaardota bunaqaa lamaan isaanii qaaqaa Asxaaleekeessatti saxaxuu dandeessa.

  1. Faayelii - Haaraa - Asxaalee banuuf qaaqaasxaaleefili.

  2. Caancalee Asxaaleeirratti, dhangiijalatti, dhangii asxaa qindeessi.

    LibreOffice Writeriin asxaaleef, balacceef, fi kaardota bunaqaaf dhangilee baay'ee wardilee seedanoon argamanii qabata. Itti dabaltees dhangiiwwan hiika fayyadamaa dabaluu dandeessa.

  3. Caancalee Asxaalee, Seeramaa, wanta asxaalee irratti barreeffame barbaaddu filuu dandeessa.

    Kun yeroo bay'ee dirreewwan kuusa deetaa hammata, kanaf asxaaleen qabeentota geedaruun maxxanfamuu danda.a, fakkeenyaf yommuu "Form Letters" ergu. Asxaa mara irratti barruu walfakkaataa maxxanfame qabaachuu danda'a.

    Saanduqoota tarree Kuusadeetaa fi Gabatee fayyadami kuusadeetaa fi gabatee dirroota deetaa irraa argaman filuuf.

    Tabii Dhangiiirratti dhangiiwwan asxaa mataa kee qindeessuu dandeessa, kan dhangiiwwan dursa qindaa'een hin golgamne. Kana gochuuf "User" saanduqa tarree Akaakuu irraa fili. Tabii Dirqaleewwan irratti, asxaaleen hundi ykn muraasni qofti uumamuu isaanii ifteessuu dandeessa.

  4. Fuula tabiiDirqaleewwan irratti, saanduqniQabeentoota walsimsiisu filatamuu isaa mirkaneessi. Yoo kun filatame, asxaan(mataa gubaa gara bitaa asxaa)qofa galuuf fi altokko qofa gulaalamuuf.

  5. Galmee haaraa qindaa'ota saagde wajjin uumuuf Galmee Haaraa irratti cuqaasi.

  6. Akkuma Galmee Haaraa cuqaasteen, foddaa xiqqoo qabduu Asxaalee walsimsiisu wajjin ilaalta. Asxaa jalqabaa saagi. Yemmuu qabduu Asxaalee walsimsiisu cuqaastu, asxaan tokkoo tokkoo ammee gara asxaalee biroo wardii irratti garagalfamu.

Teessoo Asxaalee Maxxansuu

Kuusdeetaa Haaraa Uumuu

kaardota bunaqaa