Qaxxaamuroota (LibreOffice Gaheenya)

Meeshaa hantuutee osoo hin fayyadamiin, gabatee furtuu qofa fayyadamuun LibreOffice to'achuun ni danda'ama.

Fuula gargaarsaa guddaa tokkoo tokkoo moojuulii irratti (fakkeenyaaf, barreessaa LibreOffice yookiin fuula gargaarsaa guddaa Calc LibreOffice) moojuulii sanaaf gargaarsa qaxxaamuraa kan gabatee furtuu gahinsa gochuuf geessituun ni jira.

Dabalataan, "Gaheenya" gabatee furtuu jalatti ajajaalee ejjattoo-ejjattoodhaan waa'ee meeshaa hantuutee malee akkamitti moojuulii filatamee to'achuun akka danda'amu argatta.

Sajoo Yaaddannoo

Furtuuleen qaxxaamura tokko tokkoo sirna minjaalee keef ramadame. Furtuuleen sirna minjaaleetiif ramadaman LibreOffice tiif hin argaman. Furtuulee adda addaa LibreOffice Meeshaalee - Maamileesi - Minjaalee, ykn sirna minjaalee keessatiif ramaduuf yaali.


Hantuutee malee walquunnama fayyadamaa LibreOffice tiin hojjechuu.

Kabala baafataa, kamshaawwan, foddaawwan, fi galmee dandeessisuu.

Karaa wantoota armaan gadii jijijjiirtota F6 xiyyeefannoo fi geengoolii irradeddeebiitiin dhiibuu:

Press Shift+F6 to switch through objects in the opposite direction.

Gara galmeetti jijjiiruuf,+F6 dhiibi.

Gara kabala baafataa fi duubatti deebi'uuf F10 dhiibi.

Escapen, baafata xiqqaa baname, kamshaa, ykn foddaa bilisa ammaa cufa.

Ajaja baafataa tokko waamuu

Baafata jalqabaa filachuuf yookan F6 ykn F10 dhiibi (baafata Faayilii). Xiyya mirgaan, baafatni itti aanu kan mirgaa ni filama; xiyya bitaan, baafatni durii ni filama.

Xiyyi gadee baafata filame bana. Xiyyi dabalataa gadee fi olee, filannoo ajajoota baafataa keessatti siqsa. Xiyya mirgaatiin ammoo, baafatoota xiqqaa jiran mara banuu ni dandeessa.

Ajaja baafataa filame raawwachuuf Enter dhiibi.

Ajaja sajoo tokkoo raawwachuu

Hanga sajoon jalqabaa kamshaa irra jiru filamutti F6 irra deddeebi'ii dhiibi. Kamshaa surdalaa irratti sajoo filachuuf xiyya mirgaa fi bitaa fayyadami. Haaluma walfakkaatuun, kamshaa sarjaa irrati sajoo filachuuf xiyya olee fi gadee fayyadami. Furtuun Home, kamshaa tokko irraa sajoo jalqabaa, furtuun End ammoo kamshaa isa dhumaa filu.

Sajoo filame raawwachuuf Enter dhiibi. Yoo sajoon filataman haala baratamoon gocha hantuutee irraa duuban barbaadu ta'ee, kan akka reektaangilii galchuu, san booda furtuu Enter qofa dhiibuun ga'aa miti: iddoo kanatti +Enter dhiibi.

Yoo kamshaan argii irratti mul'achuu kan danda'u caala ta'e, sajoo gara handaara mirgaa ykn jalaatti agarsiisa. Sajoo hafan agrsiisuuf kamsha filachuun PageUp ykn PageDown dhiibi.

Kamshaaleef qabachiisa addayaa

Kamshaa filame banuuf xiyya gadee fi mirgaa dhiibi. Innis cuqaasa hantuutee waliin waltiqixa. Kamshaa keessatti furtuuwwan xiyya mirgaa fi bitaa fayyadami. Furtuuwwan Home fi End kamshaa keessaa sajoo jalqabaa fi dhumaa walduraa duubaan filu.

Esc dhaan kamshaa cufi. Hantuuteen alatti kamshaa siqsuun hin danda'amu.

Saanduqa makaa tokko irraa filannoo

Saanduqa makaa

Saanduqa makaa fili. Enter dhiibi.

Galfattoota saanduqa makaa gadee maruuf, xiyya gadee ykn furtuu Page Down, ykn olee maruuf ammoo xiyya olee ykn furtuu Page Up fayyadami. Furtuun Home gara galfata jalqabaatti fi furtuun End gara galfata dhumaatti si geessu.

Galfata filame raawwachuuf Enter dhiibi.

Filannoo Gabateewwan keessaa

Foddaawwan, Qaaqawwanii, fi dirree to'annoo gabatee hedduu keessaa, deetaa filachuuf gabateewwan ni jiru, fakkeenyaaf, gara mirgaa Mul'annoo Madda Deetaa keessatti. Furtuuwwan armaan gadii gabatee kanneen keessaa filachuuf fayyadu:

Hammamtaa fi qubannoo Foddaawwanii fi Qaaqawwanii

  1. Jalqaba +spacebar dhiibi.

    Sirni baafataa ajajoota kan akka Siqsi, Hagamtaa Jijjiiri fi Cufi ni bana.

  2. Ajaja (xiyya gadee, itti aansee Enter) filadhu.

  3. Qaaqaa ykn foddaa, siqsuuf ykn hagamtaa jijjiiruuf amma furtuuwwan xiyyaa fayyadamuu dandeessa.

  4. Jijjiirama fudhachuuf Enter dhiibi. Jijjiirama dhiisuuf Escape dhiibi.

Foddaalee fi Kamshaalee Hidhuu fi Kaafachuu

  1. Hanga foddaan ykn kamshaan filamutti F6 dhiibi.

  2. +Shift+F10 dhiibi.

Wantoota filachuu

Press Shift+F4 to select the first object in the current document. When an object is selected, press Tab to select the next object, or press Esc to go back to the text.

Wantoota Gulaali

Wanti OLE filame kan kaka'u furtuu Galchi jedhuuni.

Qubannoo fi Hammamtaa wantootaa gulaali

Korkoddiiwwan Wantaa Gulaali

Korkoddii kan wanta tokko furtoota xiyyaa waliin siqsuu nidandeessa. Jalqaba qabannoo haalataa gulaali galchitii, korkoddii filadhu. Akaakuu korkoddii irratti hundaa'uun, korkoddiicha gara adda addaatti siqsuu nidandeessa.

  1. Wanticha filadhu.

  2. Qabannoo haalataa gulaali, +Tab waliin galchi.

  3. Qabannoon bitaa innii gara gubbaa liphfachuu eegala. Yeroo hedduudhaaf +Tab dhiibi, hanga qanannoon humtuu hin liphfannetti. Asattoo kun ammaa korkoddiin wantichaa akka ka'aa ta'e agarsiissa.

  4. Korkoddiicha siqsuuf furtoota xiyyaa fayyadami. Wantaan akka barbaachisumaasaatiitti korkoddiicha dukaa bu'a.

Korkoddii wanta filatamee, fakkeenyaaf baafata halqaraa wantoota keessatti jijjiiruu nidandeessa.

Hirtuu Sararootaa Too'aachuu

Mul`atoota gargarreesamaa keessaatti galmeewwan Calc LibreOffice, Fakkasaa LibreOffice,fi Toleessaa LibreOffice sardalanii fi tarjaan addabaasuu dandeessa. Tokko tokkoon mul`ata gosa galmeewwan biraa agarsiisu. Hantuutee gargaaramuudhaan, sarara hiraman kabala maraa irraa gara galmeetti harkisuu dandeessa.

Mul'annoo Madda Deetaa Too'aachuu

+ Shift + F4 opens and closes the data source view.

F6: galmee fi kamshaa gidduutti jijjiira.

+ (furtuu idaatii): aloolaa madda deetichaa keessatti galfata filataman baldhisa.

- (furtuu hir'inaa): aloolaa madda deetichaa keessatti galfata filataman qoncoorsa.

+Shift+E: aloolaa madda deetaa fi gabatee gidduutti jijjiira.

Qaxxaamurawwan Foddaa Saxaxa Gaafataa keessaa

F6: kabala wantaa, mul'annoo gabatee, fi iddoo filannoo gidduutti jijjiira.

+Xiyya olii ykn +xiyya gadii: daangaa mul'annoo gabatee fi naannoo filannoo olii fi gad siksa.

Furtoota Mul'annoo Gabatee keessaa (bal'ina gubbaa saxaxa gaafataa)fi foddaa Quunnamtiiwwanii keessaa

+Furtuu xiyyaa: gabatee filatame gara kallattii xiyyaatti siqsa.

+Shift+Furtuu xiyyaa: gabateen filatame mul'annoo gabatee keessatti hammamtaa jijjiira.

Del: Mul'annoo gabatee irraa, gabatee fi walindhaa filataman haqa.

Tab: gabateewwanii fi walindhaa, mul'annoo gabatee keessaa gidduutti jijjiira.

Enter: yammuu walindhaan filatamuu, furtuun Enter qaaqa Amaloota kan walindhaa bana.

Enter: yammuu gabateen tokko filatamu, furtuun Enter dirre deetaa jalqabaa saanduqa tarree irraa iddoo filannoo keessatti galcha.

Furtuuwwan naannoo filannoo (gara jalaa saxaxa gaafataa)

+xiyya Bitaa ykn Xiyya Mirgaa: tarjaa filatame gara bitaa ykn gara mirgaatti siqsa.

Furtuuwwan Foddaa Saxaxa Gabatee keessaa

F6: kamshaa, mul'annoo tarjaa, fi naannoo amaloota gidduutti jijjiira.

Gulaaltuu ImageMap too'achuu

Gargaarsa To'achuu

Sajoo ykn to'annaa, ajaja filatameen ammaatiif Qacceewwan Baay'ate mul'isuuf Shift+F1 dhiibi.

Fuulota gargaarsa duraasaa naanna'uu

Too'annaa qaaqa alaaguu barruu (alaaguu faayelii CSV )

Sarartuu

Duraargii

Too'annaa Insert - qaaqa arfii addayaa

Furtuuwwan Qaxxaamura waliigala LibreOffice keessaa

Gaheenya LibreOffice