Wantoota Saxaatoo Gulaaluu

Kamshaa Fakkaasaa banuuf Mul'annoo - Kamshaawwan - Fakkaasaafili.

Wantootni fakkaasaa tarreetiin gulaalamuu yookiin fooyyeffamuu ni danda'u. Wantootni fakkaasaa karaa kanaan uumaman saxaatoo veektarii, kan ati dhabinsa qulqullinaa kamiyyuu malee bilisaan safaruu dandeessu dha.

Rogafree uumuuf, sajoo rektaangilii cuqaasiiti qareeke gara iddoo galmeeke keessaa bakka xiyyoon rektaangilichaa tokko akka tahu barbaaddutti siiqsi. Qabduu hantuutee dhiibiitii osoo gara faallaa xiyyoo rektaangilichaatti harkisaa jirtuu gadi isa qabi. Yommuu qabduu hantuutee gad lakkiftu, rektaangilichi galmee keessatti saagama. Inni filatameera, karaa baafata halqaraa amaloota isaa gulaaluu ni dandeessa.

Sajoo Yaaddannoo

Wantoota fakkasaa erga uumtee fi gulaaltee gara haalata barruu baratamootti deebisuuf naannoo galmichaa fakkaasaa yookiin wantoota biroo hin qabne keessa cuqaasi. Yoo qaree fakkaasaa argite, jalqaba sajoo Fili cuqaasuun haalata kana keessaa bahi.


Odeefannoo waa'ee tokkoo tokkoo sajoowwanii