Geessitoota Gulaaluu

Yommuu geessituu galmee Barreessaa keessaa -cuqaasi gootu, iyyaafataan saphaphuu kee teessoo saphaphuu gaafatameen banama. Yoo hantuutee hin fayyadamtu tahe, qaree keessa geessituu qubachiisiiti baafata halqaraa Shift+F10 tiin bani, achii Geessituu Bani fili.

Barruu Geessituu akka armaan gadiitti jijjiiri

Qaree bakkawayii qubachiisuun geessituu yoo dhiifte, barruun mul'atu qofti ni jijjiirama.

Arfii eddoo sududaan arfii isa dhumaa hordofuun galchuun geessituu yoo dhiifte, OfiinSirreessaan yoo dandeessifame URL galtee akka barruu mul'ataa waliin wal fakkaatutti jijjiira.

URL Geessituu akka armaan gadiitti jijjiiri

Amala geessitoota hundaa jijjiiri

  1. Open the Styles window.

  2. Sajoo Akkaataalee Arfii bani.

  3. Akkaataa arfii "Geessituu Intarneetii" yookiin "Geessituu Intarneetii Imaalame" mirga cuqaasiitii, Fooyyessi fili.

  4. Qaaqa keessaa, amaloowwan haaraa filiitii, TOLE cuqaasi.

Qabduu geessituu gulaali

Yoo geessituun qabduudha tahe, isa filachuuf handaaricha irraatti cuqaasi, yookiin osoo cuqaasaa jirtuu furtuu dhiibi. Karaa baafata halqaraa qaaqa Amaloota bani. Barruu moggaasaa "Goodayyaa" jalaa gulaaltee, teessoo dirree "URL" keessaa fooyyessuu ni dandeessa.

Geessitoota Sadhaatawaa fi Haqaa