Meeshaa Gabaasaa Dogongoraa

Meeshaan Gabaasaa Dogongoraa yommuu halakuun sagantaa uumamu ofumaan jalqaba. Yoo sagantichi garakeessa marsaa dhuma hin qabne seene, sanaaf cuqaasa hantuutee yookiin dhiibbaafurtuu tti deebii hin kennu tahe, Meeshaa Gabaasaa Dogongoraa hujee kaanis jalqabuu ni dandeessa.

Meeshaan Gabaasaa Dogongoraa odeeffannoo barbaachisaa hunda kan oomishtoota sagantaa akka lakkaddicha fooyyessan gargaaruu danda'an, achii fooyya'oota boodaa keessatti dogongorri kun dhabamsiisamuu ni danda'a. Mosajjiicha fooyyessuu fi gabaasa dogongoraa uumamae erguuf adaraa nu gargaaraa.

Meeshaa Gabaasaa Dogongoraa Jalqabuu

Irra jireessa halakuu sagantaa Meeshaan Gabaasaa Dogongoraa ofumaan jalqaba.Haa ta'u malee, yoo sagantichi waan dhaabbatu fakkaatu tahe meeshichi ofumaan hin jalqabu, hujeekaan jalqabuu ni dandeessa:

Gabaasicha Xumuruu

Qaaqa Meeshaa Gabaasaa Dogongoraa guddaa irraa, odeeffannoo dabalataa muraasa kan oomishtoota dogongoricha qeeyyeesssuuf gargaaruu danda'u galchuu ni dandeessa. Fakkeenyaaf, yoo dogongorichi jijjiirama qeeyyee jabajjii yookiin mosajjii kee keessaa booda mul'atu tahe, yookiin yoo qabduu cuqaastu adaraa odeeffannoo sana dabali.

Gabaasicha Dogongoraa Erguu

Meeshaan Gabaasa Dogongoraa deeticha gabaasaa erguuf aaloo HTTP PUT / SOAP fayyadama.Barruu ibsinaa muraasa kan halqara halakuu sagantaa adda baasuuf nu gargaaru dirqalaan galchuu ni dandeessa. Achii qabduu Ergi cuqaasi.

Sajoo Ofegannoo

Gabaasa dogpngoraa keetiif deebii argachuu dhiisuu ni dandeessa. Yoo deeggarsa feete, adaraa intarneetii irraa olbaa deeggarsaa imaali.


Gaaffiiwwan kan oomishtoonni waa'ee dogongora gabaasamee qabaachuu danda'aniif deebii kennuuf filachuu dandeessa. Ergaa-e tiin quunnamamuu yoo eeyyamte sanduuqa filannoo mallatteessi, odeeffannoon dabalataa waan barbaadamu tures. Durtiitiin sanduuqni kuni hin mallatteeffamne, kanaaf ergaa-e kamiyyuu hin argattuu.

Deetaa Maaltu Ergame?

Gabaasichi dogongoraa faayiloota hedduu of keessaa qaba. Faayilii inni guddaa odeeffannoo waa'ee gosa dogongoraa, maqaa fi fooyya'aa sirna dalagaa,fayyadama kuufannoo, fi ibsa ati galchite qabata. Faayilicha guddaa keessaa maaltu akka ergame ilaaluuf qaaqa guddaa Meeshaa Gabaasaa Dogongoraa irraa qabduu Gabaasa Agarsiisi cuqaasuu ni dandeessa.

Dabalataan, qabiyyeewwan kuufannoo fayyadaa irra ooluu danda'an fi hordoffii walirra tuuluu meeshaalee walta'iana sirnaa ("dbhhelp.dll" on Windows systems, "pstack" on UNIX systems) muraasaatiin walitti qabamu. Odeefannoon kunis ni ergama.