Galmee LibreOffice Keessaa Harkisanii Kaa'uu
Harkisanii kaa'uu fayyadamuutiin wantoota siiqsuu yookiin garagalchuuf dirqalee hedduun ni jiru. Kutaalee barruu,wantoota fakkasaa, saxaatoo, to'annoowwan unkaa, geessituu, hangiiwwan man'ee fi dabalataan hedduu hantuuteetiin siiqsamuu yookiin garagalchamuu ni danda'amu.
Akeektuun hantuutee yommuu garagalchu mallattoo ida'uu fi yommuu geessituu uumu mallattoo xiyyaa agarsiisuu isaa hubadhu.
Akeektuu Hantuutee |
Ibsa |
Siiqsuu |
|
Garagalchuu |
|
Geessituu uumuu |
AjajaCtrl yookan Shift+AjajaCtrl Osoo qabduu hantuutee gadlakkisaa jirtuu yoo dhiibde, wantichi garagalchamuu, siiqsamuu, yookiin geessituun uumamuu isaa to'achuu ni dandeessa.
Yoo wantoota Naannessaa keessaa gad harkifte,wanticha garagalchamuu,akka geessituutti saaguu yookiin akka hyperlink tti saaguu isaanii sajoo Haalata Harkisuu baafaticha xiqqaa Naannessichaa ifteessuu ni dandeessa.
Qabduu hantuutee osoo gad hin lakkisiin dura furtuu Esc dhiibuun yeroo kamiyyuu LibreOffice keessaa dalagaa harkisanii kaa'uu haquu ni dandeessa.