Gabaasota Kuusdeetaa Fayyadamuu fi Gulaaluu

Gabaasa Fayyadamuu

LibreOffice odeeffannoo waa'ee faayilicha kuusdeetaa keessaatti gabaasota uumamanii kuusa.

  1. Faayilii - Bani filiitii faayilicha kuusdeetaa filadhu.

  2. Foddaa faayilii kuusdeetaa keessaa, sajoo Reports cuqaasi.

  3. Gabaasicha banuuf maqoota gabaasaa keessaa tokko lama-cuqaasi.

    Sajoo Yaaddannoo

    Geessitoonni kun ufumaan yommuu masaka Gabaasichaan yookiin foddaa Ijaaraa Gabaasaa keessaatti gabaasa haaraa uumtu ida'amu.


Foddaa Ijaaraa Gabaasaa keessatti Gabaasa Uumame Gulaaluu

Foddichi Ijaaraa Gabaasaa odeeffannoo gabaasichaa fe'ame waliin banama.

Kamshaawwanii fi ajajoota baafataa fayyadamiiti gabaasicha gulaaluuf harkisiiti kaa'i akka qajeelfama Ijaaraa Gabaasaa keessatti ibsame.

Galmee gabaasa argame ilaaluuf galmicha hojjoomi.

Gabaasa Masaka Gabaasaatiin Uumame Gulaaluu

Akkaataalee fuulaa fuula jalqabaa fi fuulota itti aanan gabasichaatiif akkasumas akkaataalee keewwataa, dhangiiwwan lakkoofsotaa, moggaasa dirree maxxanfame, fi kkf gulaaluu ni dandeessa.

Sajoo Ofegannoo

Yoo hubannaa gahinsota gabaasaa kuusdeetaa hin qabdu tahe, himoota SQL hin gulaaliin, maqaa kuusdeetaa, to'annoowwan unkaa dhokatan, yookiin odeeffannoo hidhata qaban gabaasicha irraa.


Ilaalcha Gubbaa Kuusdeetaa