Deetaa Dhangii Barruu tiin Alaaguu fi Alerguu

Yoo deetaa kuusdeetaa kan geessituu ODBC hin qabnee fi alaaguu fi alerguu dBASE hin eeyyamne waliin jijjiirraa barbaadde, dhangii barruu baramoo fayyadamuu ni dandeessa.

Deetaa garakeessa LibreOffice Alaaguu

Dhangii barruutiin deetaa jijjiirraaf gingilchaa LibreOffice Calc alaaguu/alerguu fayyadami.

  1. Deetaa barbaadamu kuusdeetaa madda irraa dhangii barruutiin alergi. Dhangiin barruu CSV ni deeggarama. Dhangiin kun dirreewwan deetaa daangessitoota kanneen akka qoodduu yookiin qoodduu jabaa fayyadamuudhaan adda baasa, fi kuusaawwan cita sararaa saaguutiin adda baasa.

  2. Faayilii - Bani filitii, alaaguuf faayilicha cuqaasi.

  3. Sanduuqa makaa irraa Gosa faayilii "Text CSV" fili. Bani cuqaasi.

  4. Qaaqni Alaaguu Barruu ni mul'ata. Galmee barruu irraa deetaa isa kam dabaluu akka qabdu murteessi.

Deetaan wardii LibreOffice Calc keessa erga jira ta'ee, akka barbaadametti gulaaluu ni dandeessa. Deetaa akka madda deetaa LibreOfficetti ol kaa'uu:

Dhangii Barruu CSV tiin Alerguu

Wardii LibreOffice ammaa dhangii barruutiin kan fayyadamoota biroo hedduutiin dubbifamuu danda'u alerguu ni dandeessa.

  1. Faayilii - Akka Olkaa'i fili.

  2. Gosa faayilii keessaa gilgilchaa "Barruu CSV" filadhu. Maqaa faayilii galchii tii Olkaa'i cuqaasi.

  3. Kuni qaaqicha Alerga faayiloota barruu. bana, kan keessatti gurmuu arfii, daangessituu dirree fi daangessituu barruu filattu.TOLEcuqaasi. Ofeeggannoon wardii ka'aa qofti ol kaa'amuu isaa sitti hima.

Bu'ura keessaa Deetaa Alaaguu fi Alerguu