Matadureewwan Taattoo Gulaaluu

Mataduree taattoo kanneen ati galmee LibreOffice keessa saagde gulaaluuf:

  1. Taattoocha irratti lama cuqaasi.

    Handaarri fajajaan naannoo taattoochaatti mul'atee kabalaan baafatichaa amma ajajoota wantoota taattoocha keessaa gulaaluuf of keessaa qaba.

  2. Barruu mataduree jiraataa irratti lama cuqaasi. Handaarri fajajaan naannoo barruuchaatti mul'atee amma jijjiirraa gochuu ni dandeessa. Sarara haaraa uumuuf furtuu Enter dhiibi.

    If no title text exists, choose Insert - Titles to enter the text in a dialog.

  3. Cuqasni qeenxeen mataduree irrattii hantuutee fayyadamtee akka ati isa siiqsitu eeyyama.

  4. Dhangeessuu mataduree guddaa jijjiiruu yoo barbaadde, Dhangii - Mataduree - Mataduree Guddaa fili. Kuni qaaqa Matadureechaa bana.

  5. Fooyya'insa gochuuf caancalootaa qaaqicha keessa jiran keessaa tokko fili.

  6. TOLE cuqaasi. Galmee ke keessaa, haalataa taattoo gulaaluu keessaa bahuuf taattoocha alatti cuqaasi.