Quunnamtiilee

Saxaaxa gabatee keessatti dirreewwan walqabatan lama yoo lama cuqaaste, ykn Galchi - Walquunnamttii Haaraa jedhu yoo galchite, qaaqni Walquunnamtiilee jedhu ni argama. Amaloonni kun gara fulduraatti gaafattoota hunda keessatti ni fayyadu.

Ajaja kana bira gahuuf...

Saxaxa gafataa banitii Saaguu - Qunnamtii Haaraa , fili yookin sararawwan walindha gabateewwan lamaan giddutti argaman irratti lama cuqaasi.


Gabateewwan hirmaate

Gabateewwan adda addaa lama ati walqabsiisuu barbaadde adda siif baasa.

Dirreewwan hirmaate

Dirreewwan deetaa lama kan walquunnaman adda siif baasa.

Dirqalaalee

Akaakuu

Gosa wal qabannaa walquunnamsiisaa filamee adda baasa. Kuusdeetaan tokko tokko cia tuuta gosoota danda'amanii qofa gargaara.

Walqaba Keessoo

Walqaba keessaan, gabateen bu'aa kan of keessatti qabatu galmee dirreewwan wal fakkaatan qabate qofaaf. LibreOffice SQL keessatti gosni walqabsiistuu akkanaa kan uumamu haraggoo walgitaa WHERE dhaani.

Walqaba Bitaa

Walqaba bitaan, gabateen bu'aa dirreewwan hunda gabatee bitaa fi dirreewwan gara mirgaa dirreen walqabsiisuu yoo walfakkaate qofa of keessatti qabatan qabata. LibreOffice SQL keessatti walqabsiiftuun akkanaa ajaja LEFT OUTER JOIN walgita.

Walqaba Mirgaa

Walqaba mirgaan, gabateen bu'aa dirreewwan hunda gabatee mirgaa fi dirreewwan gara bitaa dirreen walqabsiisuu yoo walfakkaate qofa of keessatti qabatan qabata. LibreOffice SQL keessati walqabsiiftuun akkanaa ajaja RIGHT OUTER JOIN walgita.

Walqaba Guutuu

Walqaba guutuuf, gabateen bu'aa dirreewwan hunda gabatee bitaa fi mirgaa of keessatti qabata. SQL LibreOffice keessatti gosni walqabsiistuu akkanaa FULL OUTER JOIN walgita.

Uumama

NATURAL jefuraa hima SQL kan qunnamtii qindeessu saaga. Qunnamtiin tarjoota hunda kan maqaa tarjaa walfakkaatu qabu gabatee lachuu keessaa walqaba. Bu'aan gabatee walqabee cimdii tokko tokkoo tarjoota walqixa moggaafamaniif tarjaa tokko qofa qabata.