Gaafatoota

"gaafata"n mul'annoo addaa gabateeti. Gaafatni kuusawwan filaman ykn dirreewwan kuusaa keessaa filaman agarsiisuu danda'a;innis kuusaawwan kana tartiiba qabsiisa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Foddaa fayiilii kuusaa deetaa keessaa, Gaafata sajoo


Gaafatatti fayyadamii gabateewwan deetaa keessaa kuusaawwan ulaagaa wayii irratti hundaa'i barbaadi.Gaafatoonni hundi kuusdeetaaf kan uumaman galfata Gaafatoota jalatti tarreeffama. Galfanni kun kuusdeetaa waan qabuuf,"qabee gaafataa" jedhamuu danda'a.

Gaafatoota Maxxansuu

Gaafata ykn gabatee maxxansuuf

  1. Galmee barruu (ykn yoo barbaadde galmee dalaagaa maxxansuu murtaa'e kanaaf galmee wardii ) bani.

  2. Yoo gabatee maxxansuu barbaadde faayila kuusdeetaa erga bantee booda sajoo Gabatee cuqaasi,ykn yoo gaafata maxxansuu barbadde sajoo Gaafataa cuqaasi.

  3. Maqaa gabatee ykn gaafataa galmee barruu ykn wardii bani jedhu keessatti harkisi.Qaaqni Tarjaalee saaqi kuusdeetaa ni banama.

  4. Tarjaalee kam akka ta'e = dirreewwan deetaa dabaluu barbaadde murteessi.Yoo barbaadde qabduuOfDhangi'aa cuqaasi fi gosa dhangeessuu walitti dhufu filadhu.Qaaqa cufi.

    Gaafatni ykn gabateen galmee kee keessatti ni dabalama.

  5. Galmee maxxansuuf Faayilii- Maxxansijedhamuu filadhu.

Sajoo Qaxxee

You can also open the data source view (Ctrl+Shift+F4), select the entire database table in the data source view (click on the top left corner of the table), and then drag the selection to a text document or spreadsheet.


Foo'insaa fi Calaltuu Deetaa

Gabatee gaafataa keessaa foo'uu fi calaaluuf si gargaara.

Saxaxa Gaafataa

Gaafata ykn mul'annoo uumuuf fi gulaaluuf Saxaxa Gaafataa,fayyadami.

Kabala Saxaxa Gaafataa

Yeroo Gaafata SQL uumtu ykn gulaaltu, mul'ina deetaa to'achuuf sajoowwan kabala Saxaxa Gaafataa keessa jiran fayyadami.

Gaafata Gabateewwan Hedduu Keessan

Bu'aan gaafataa deetaa hedduu gabateewwan keessaatti qabachuu danda'a yoo isaan kun dirreewwan deetaa mijaa'aa waliin walitti kornya'an.

Ashakkii Gaafata ulaagaa

Gaafata haalan calaluuf opareetara fi ajaja kam akka ta'e baruuf gargaara.

Hojjoomuu Dalagaa

Erga hediisa gabateewwan deetaa waliin adeemsiistee booda bu'aa isaa akka bu'aa gaafataatti kuusuu dandeessa.