Too'annoowwan Dabalaa

Kamshaan too'annoowwan dabalaa kan banamu yeroo sajoo too'annoowwan dabalataa kamshaa Unkaa Too'annoowwaniiirra jira cuqaafamaniidha

Qabduu qanxii

Sajoo

Qabduu Sarxaa uuna.

Yoo qabduu sarxaa wardaa herreegametti dabaluu barbaadde,Geessituu Xiyya garlamee qabduu sarxaa fi man'ee jiddutti uumuf cancala fuula deetaa fayyadamuu dandeessa. Akka bu'atti, yeroo qabeentaa man'ee jijjiirre, qabeentaan qabduu sarxaa ni haaromsame.Conversely,yoo gatii qabduu sarxaa jijjiirte, Qabeentaan man'ee ni haromfama.

Kabala Maraa

Sajoo

Kabala Maraa uuma.

Amaloota asiin gadii kabala maraaf ibsuu dandeessa

Maqaa UI

Semantics

Gatii Maraa xinnaa

Ulfina ykn hojjaa xinnaa kabala maraa ifteessa

Gatii maraa olaanaa

Ulfina ykn hojjaa olaanaa kabala maraa ifteessa

Durtii gatii mari

Gatii durtii kabala maraa ifteessuf, yeroo unkaan haaromfamu fayyada.

Qajeelfama

Qaabachiisa kabala maraa ifteessa, isaanis ,sarjaa ykn surdala

Jijjiirame xiqqaa

Hamma xiqqaa maraa kabala maraa ifteessuf dandeessisa, fakkeenyaaf, xiyyaa cuqaasun.

Jijjiirama guddaa

Hamma tarkaanfii guddaa maraa kabala maraa ifteessa, fakkeenyaaf, weyta abgudduu kabala maraa fi xiyya kabala maraa jidduu cuqaastu.

Turiinsa

Mudatoota ceesistuu kabala marfataa gidduutti turiinsa miillii sekoondii keessaa ifteessa. Fakkeenyaaf, turiinsi yommuu qabduu xiyyaa kabala marfataa fi qabduu hantuutee gadi qabii irratti uumamu.

Halluu mallattoo

Halluu xiyya kabala maraa irraa ibsa

Hammamtaa mul'ataa

Dheerina abgudduu kabala marfataa "gatii safartuu" keessaa ifteessa. Fakkeenyaaf, gatiin ("Scroll value max." minus "Scroll value min.") / 2 abgudduu kabala marfataa keessaatti walakaa kabala marfataa qabachuudhaan uumama.

Yabbina kabala maraa hojjaa kabala maraa wajjiin wal qixxaa'u taasisuuf, hammamtaa mul'ata gara Zeerootti qindeessi.


Wardii herreegaa keessatti, koronyoo kar-lamee kabala maraa fi man'ee jiddutti uumuf fuula cancala deetaa fayyadamuu dandeessa.

Qabduu Calaqqee

Sajoo

Qabduu akka calaqqetti mul'atu uuma. Akka lamdhiheessa saxatoo irraa hubannetti, qabduun calaqqee qabduu "normal" wajjiin amala tokko qabu.

Too'annoo calaqqee

Sajoo

Too'annoo calaqqee uuma. Calaqqe kuusaa deetaa irraa dabaluuf qofaaf fayyada. Galmee unkaa keessaa, double-click one of these controls to open the qaaqaSaxatoo sagi dialog to insert the image. There is also a context menu (not in design mode) with commands for inserting and deleting the image.

Calaqqeen kuusaa deetaa unkaa keessatti agarsiifama, akkasumas hanga mirgi too'annaa calaqqee hin ugguraminitti calaqqee haaran gara kuusaa deetaa saagamuu danda'a.garuu too'annoon akaakuu calaqqee dirree kuusaa deetaa mirkanuu qaba. Kanaafuu, dirree deetaa gara amaloota fooddaa fuula cancalaDeetaa galchaa.

Dirree guyyaa

Sajoo

Dirree guyyaa uuma. Yoo unkaan kuusaa deetaatti koronyate, gatiin guyyaa kuusaa deetaatirraa fudhatama.

Yoo amala "dropdown"gara dirree guyyatti ramadde, dhimmamaan kalaandara guyyaa dirree guyyaa jala jiru filu banuu danda'a. kunis kan fayyadamu dirree guyyaa dirree too'annoo gabatee wajjiin

Sajoo Qaxxee

Dirreewwan guyyaa haala salphatti dhimmamaa furtuulee xiyya olii fi gadiitin gulaalamuu danda'u. Qubannoo qarree irratti hundoofnee, guyyaa, ji'a, ykn waggaan furtuulee xiyyaatin dabalamuu ykn hir'ifamuu danda'u.


Ibsoota murtaa'aa dirreewwan guyyaa irraa.

Dirree yeroo

Sajoo

Dirree yeroo uuma. yoo unkaan kuusaa deetaatti koronyate, gatiin yeroo unkaadhaa kuusaa deetaatirraa fudhatama.

Sajoo Qaxxee

Dirreewwan yeroo haala salphatti dhimmamaa furtuulee xiyya olii fi gadiitin gulaalamuu danda'u. Qubannoo qarree irratti hundoofnee, sa'atii, daqiiqaa, ykn sakandii furtuulee xiyyaatin dabalamuu ykn hir'ifamuu danda'u.


Filannoo Faayilii

Sajoo

Qabduu filannoo faayilii kaasuu dandeessisu uumaa.

Dirree lakkoofsaa

Sajoo

Dirree lakkoofsaa uuma. Yoo unkaan gara kuusaa deetaatti koronyate, gatiin lakkoofsa unkaa keessaa kuusaa deetaa irraa fudhatamuu danda'a.

Dirree Maallaqaa

Sajoo

Dirree maallaqaa uuma. Yoo unkaan gara kuusaa deetaatti koronyate, qabeentaan dirree maallaqa unkaa keessaa kuusaa deetaa irraa fudhatamuu danda'a.

Dirree sarxaa

Sajoo

Dirree sarxaa uuma. Dirreen sarxaa haguuggee gulaalli fi laataraalii qaba. Haguuggen gulaalli deetaa kam akka galchame tilmaama. Haguuggen laataraalii yeroo fe'iinsa unkaa qabeentota sarxaa dirree tilmaamuf gargaara.

Sajoo Yaaddannoo

Maaloo dirreewwan sarxaa sanii gara dhangii HTML tti alerguu hin danda'amanii hubadhaa


Sanduuqa Garee

Sajoo

Garee too'annoowwan hedduu fakkeessuf goodayyaa uuma. Sanduuqonni garee Group boxes allow you to group option buttons in a frame.

Yoo garee goodayyaa gara galmeetti saagde, Masaka Garee Maalimaa haala salphaan garee filannoo uumuu si dandeessisu ni jalqaba.

Yaadannoo: yeroo sanduuqa garee too'annoowwan duraan argamanirra harkisuu barbaadde fi akkasumas too'annoo filachuu barbaadde,jalqaba baafata halqara sanduuqa garee banu qabda akkasumas Qindeessi - Duuba ergijedhu filadhu. akkasumas yeroo dhiibuudhaan toa'annoo fili.

Sajoo Yaaddannoo

Sanduuqotni garee taatee arguu qofaaf fayyada. A functional grouping of option fields can be made through the name definition: under the Name properties of all option fields, enter the same name in order to group them.


Gabatee Too'annoo

Sajoo

Gabatee too'annoo uumuf gabatee Kuusaa deetaa agarsiisu. Yoo gabatee too'annoo haaraa uumtu, Gabatee masakaa maalimaa tu argama.

Odeeffannoo addaa waa'ee gabatee too'annoo.

Kabal naannawiinsa

Sajoo

Kabala naannawinsa uuma.

Kaballi naannawiinsaa akka galmee ykn unkaa kuusaa deetaa keessa dabartu si dandeessisa. too'annoowwan kabala naannawinsa kanarra jiran akkuma too'annoowwan durtii kabala naannawiinsa LibreOffice keessatti hojjata.