Waliigalaa

Ajaja kana bira gahuuf...

Baafata halqaraa gosa maalimaa filatamee bani - cancala Unka - Waligala fili

Kamshaa Too'atamtootaa Unka yookin Saxaxa Unka bani, Cancala sajoo Unka sajoo - Waligala fili


Unkaan galmee barruu ykn wardii too'annoowwan unkaa garagaraa qabu. Yoo unkaa fuula saphaphuutif uumte, dhimmamaan interneetirraan deetaa erguuf deetaa galchuu dandeessa. Deetaan unkaa too'annoowwan unkaa irraa URL ifteessun gara kaadimaa dabra akkasumas kaadimarratti adeemsifama.

Maqaa

Maqaa unkaa ifteessi. Maqaa kun unkaaunkaa naanna'aaadda baasuf gargaara .

URL

URL deetaan unkaa dhumatee akka darbe ifteessa.

Goodayyaa

Galtee goodayyaa URL fe'amaan itti argamu ibsa

Yoo dirree cuqaaste, filannoo tarree goodayyaa kamitti galmeen ittaanu akka fe'amu murteessuu filachuu dandeessa. Danda'ammoonni kanaa gadii ni jiru:

Galfata

Hiikaa

_duwwaa

Galmeen ittaanu goodayyaa duwwaa haaraa keessatti uumame

_haadhoo

Galmeen ittaanu goodayyaa haadhoo keessatti uumame. Yoo haadhoon tokkoolleen hin argamne, galmee goodayyaa wal fakkatu keessatti uumame.

_ofi

Galmeen ittaanu goodayyaa haadhoo keessatti uumame.

-gubbaa

Galmeen ittaanu fooddaa sadarkaa gubbaa keessatti uumame, innis, sadarkaa goodayyaa olaanaa keessatti; yoo goodayyaa ammeen fooddaa gubbaa ta'e, galmeen goodayyaa ammee keessatti uumame.


Gosa tamsaasa

Tooftaa unkaan odeeffannoo dhumate itti dabru ibsa.

Toftaa "Argatuu" fayyadamii, deetaa too'annoo hundaa akka jijjiirama naannotti daddabra. Gara URL unkaa keessatti siiqsama "?Too'annoo1=Qabiyyee1&Too'annoo2=Qabiyyee2&..."; arfiin diraa sagantaa kaadima fudhataarra sakatta'ama.

Toftaa "Dirbaasi" fayyadamuun, galmeen qabiyyee unkaatirraa uumaman gara URL iftaa'etti ergama.

Ergama lakkaddeessuu

Gosa deetaa dabarsaa lakkaddeessuu ifteessa.

Dabarsa deetaa odeeffannoo too'annoo

Weyta unkaa erginu, Too'annoowwan mara LibreOffice keessatti argaman itti xiyyeessuu danda'a. Maqaa too'annoo fi gatii walgitaa, yoo argame, ni daddarba.

Gatii kamtu dhimma tokkoon tokkoo daddabra dhimmaWhich values are transmitted in each case depends on the respective control. For text fields, the visible entries are transmitted; for list boxes, the selected entries are transmitted; for check boxes and option fields, the associated reference values are transmitted if these fields were activated.

Akkamitti odeeffannoon kun toftaa dabarsa fi lakkaddaa filamerratti hundaa'ee daddabarsa. Yoo toftaa argatuu fi lakkaddeessa URL filame, fakkeenyaaf, gatii cimdii unkaa keessaa <Name>=<Value> ni ergamu.

Too'annoowwan dabalataan HTML keessatti yaadaaman, too'annoowwan LibreOffice hayyama. Kana yaadatuu qaba, dirreewwan dhangii lakkoofsa murtaa'aa, gatiiwwan mul'atoon hin daddarban garuu dhangiiwwan durtii dhaabbataa caala. Gabateen asiin gadii kan agarsiisu akkamitti deetaan too'annoo murtaa'an LibreOffice itti daddarba.

Too'annoo

Gatii cimdii

Dirree lakkoofsa,dirree maallaqaa

Gargareessi kurnyee yeroo mara akka yerotti mul'ata.

Dirree guyyaa

Dhangiin guyyaa akka dhangii murtaa'atti ergama(MM-DD-YYYY), akkaataa qindoomina qe'ee dhimmamatti.

Dirree yeroo

Dhangiin yeroo akka dhangii murtaa'atti ergama (MM-DD-YYYY), akkaataa qindoomina qe'ee dhimmamatti.

Dirree sarxaa

Gatiin dirree sarxaa akka dirreewwan barrutti ergama, kunis, gatiin unkaa keessatti mula'atu ergame.

Gabatee Too'annoo

Gabatee too'annoo irraa, tokkoon tokkoon sarjaawwanii yeroo hunda ni daddarbu. Maqaa too'annoo, maqaa sarjaa, akkasumas gatiin sarjaa ergame. Toftaa argatuu lakkaddeessuu URL tti fayyadamuun, tamsaasni unkaa keessatti hojjata <Name of the table control>.<Name of the column>=<Value>, fakkeenyaaf, gatii sarjaa irratti maxxanaa ture wajjiin.