Deetaa

Fuula cancala Deetaa madda deetaa gara too'annoo filametti ramaddu ni heyyama.

Ajaja kana bira gahuuf...

Baafata halqara bani maalimaa filatamee bani, cancala Too'annaa - Deetaa fili

Kamshaa Unka Too'atannootaa yookin Unka saxaxa bani,Cancala sajoo Too'annoo - Deetaa fili


Sajoo Yaaddannoo

Unkaalee kuusaa deeetaa wajjiin koronyateef, kuusni deetaa Amaloota Unkaaleekeessatti ibsama. Dalagaawwan kanaaf fuula cancala Deetaa barbaadu dandeessa.


Qindoomina danda'amaa fuula cancala too'annoo Deetaa too'annoo ...irratti hundaa'e. Filannoowwan too'annoo ammee fi baafataa keessatti argaman qofa ilaaluu dandeessa. Dirreewwan asiin gadii kun ni argamu:

Diraa duwwaan HUMAA

Naqni diraa duwwaa akkamitti akka qabamu ibsa. Yoo amalli kun qindaa'e (Eeyyee), diraan edda tokko ykn tokkoo oli ta'e akka gatii HUMAA tti hiikkama akkasumas kuusaa deetaa keessatti kuufame. Yoo amalli kun hin qindoofne (Miti),diraan akka gatii duwwatti yaalama.

Diraan duwwaan diraa dheeriana zeeroo ("") ti. Baratamoodhaan, gatiin NULL diraa duwwaa waliin walqixa miti. Akka waliigalaatti, jechi NULL gatii hin hiikamne, gatii hin beekamne, ykn "gatii hanga ammaatti hin gale" bakka bu'uuf gargaara.

Sirnoonni kuusdeetaa adda addadha akkasumas gatii NULL adda adduummaan ni qabata. Barreefama kuusdeetaa itti gargaaramtu dubbisi.

Dirree guyyaa

Unkaawwan kuusaa deetaa, dirreewwan deetaa too'annoowwan wajjiin koronyeessu dandeenya

Anjaawummaa hedduu qabda:

  1. Dhimma Duraa: Gabatee tokko qofaatu unkaa keessatti argama.

    Dirree Deetaajalatti, dirree gabatee kuusaa deetaa qabeentota isaa mul'isuu barbaadde ifteessa.

  2. Dhimma Lammaffaa: Too'annoo unkaa xiqqaa galfata SQL uumame.

    Dirree deetaajalatti, dirree hima SQL qabeentota isaa mul'isuu barbaadde ifteessa.

  1. Dhimma sadaffaa: Sanduuqota Makaa

    Sanduuqota makaaf, dirree gabatee madda deetaa gatiiwwan galfaman ykn dhimmamaan filaman Dirree deetaajalatti kuusaaman ifteessa. Gatiiwwan tarree sanduuqa makaa keessatti mul'atan hima SQL irratti hundaa'a, innis Qabeentaa tarree jalatti gala.

  2. Dhimma Afuraffaa: Sanduuqota Tarree

    Gabateen kuusaa deetaa deetaa mul'atan hin qabu, garuu gabateen gara gabatee madda deetaa dirree deetaa waliinii darbe koronyate.

    Yoo sanduuqa tarree deetaa gabateerraa kan gabatee madda deetaa ammeetti koronyate Dirree Deetaa jalatti mul'isuu barbaadde, dirree gabatee madda deetaa qabiyyee sanduuqa tarree agarsiisu ifteessa. ykn dirree kuusaa deetaa mul'annoo deetaa unkaa keessaa kan too'atu ifteessu dandeessa. Dirreen deetaa kun geessituu gara gabatee biroo geessa yoo gabateen lachanuu dirree deetaa waliinii keessa dabranii koronyatan. Inni dirree deetaa yeroo hunda lakkoofsi enyumeessaa adda ta'e keessatti kuufame. Dirree deetaa qabeentootni isaa unkaa keessatti mul'atan hima SQL Qabiyyee tarreejalatti ibsaman.

Sanduuqota tarree wabiileen dalagu. Hojirra kan oolan takkaa gabateewwan himoota SQL'iin koronyateeni (dhimma afuraffaa) ykn tarreewwan gatii dabruun:

Wabiilee gabateewwan koronyate keessa darban (Himoota SQL)

Yoo sanduuqa tarree deetaa gabatee kuusaa deetaa dirree deetaa waliiniitiin gara gabatee unkaarratti hundaa'e koronyate mul'isuu barbaadde,dirree geessituu gabatee unkaa Dirree deetaajaltti ibsaman.

Geessituun fili SQL tin uumamte, which, if you selected "SQL" or "Native SQL", is specified under Type of list contents in the field List content. As an example, a table "Orders" is linked to the current form control, and in the database a table "Customers" is linked to the "Orders" table. You can use an SQL statement as follows:

MaqaaFayyadamaa FILI, LakkFayyadamaa Fayyadamtoota IRRAA,

Iddoo "MaqaaFayyadamaa" dirree deetaa gabatee "Fayyadamtootaa" irraa koronyate, fi "LakkFayyadamaa" dirree gabatee "Fayyadamtoota" dirree unkaa gabatee "Tartiiba" Dirree deetaajalatti ibsametti koronyeessa.

Wabiilee tarreewwan gatii fayyadaman

Sanduuqota tarreef, tarreewwan gatii fayyadamuu dandeenya. Tarreewwan gatii tarreewwan gatiiwwan wabii ibsan. Karaa kanaan, too'annoo unkaa keessaa qabiyyee dirree kuusaa deetaa sududaan mul'isuu hin danda'u, garuu gatiiwwan olaanaan tarree gatii keessatti ramadaman.

Yoo gatiiwwan wabii tarree gatiitin hojjate, qabeentoota dirree deetaa unkaa keessaaDirree Deetaajalatti hin mul'atan, garuu gatiiwwan ramadamanii caalaa. If you chose "Valuelist" on the Data tab under Type of list contents and assigned a reference value to the visible list entries in the form under List entries (entered in the General tab), then the reference values are compared with the data content of the given data field. If a reference value corresponds to the content of a data field, the associated list entries are displayed in the form.

Dirree marfame

Sajoo Yaaddannoo

Yoo qabeentaa man'ee amala iyyaafataa Dirree marfameehaqxe, dirreen jalqaba qindoomina firii deetaa mul'isuu fi jijjiruf fayyada.


Amalli kun sanduuqota tarreef dirree deetaa gabatetti koronyate kamtu unkaa keessatti mul'ate ibsa.

Yoo sanduuqni tarree unkaa keessaa qabeentaa gabatee gara gabatee unkaa koronyate mul'isuuf, akkasumas dirreeGosa qabeentaa tarreekeessatti yoo kan mul'ate ajaja SQL tin tilmaamame ykn gabateen fayyadamame ibsa. Amala Dirree marfame n, galfata dirree deetaa kamitti kasaa fayyadamnu ifteessa ykn gabatee dirreen tarree isaa koronyate.

Sajoo Yaaddannoo

Amalli Dirree marfamee unkaawwan gabatee tokkoo ol qaban fayyaduu qofaaf fayyada. Yoo unkaan gabatee tokko qofarratti hundaa'e,dirreen unkaa keessatti mul'atuuf deemu Dirree deetaa jalatti sududaan ibsama. Haa ta'u malee, yoo sanduuqa tarree deetaa gabatee gara gabatee ammee dirree deetaa waliinii irratti koronyate irraa mul'isuu barbaadde, dirreen deetaa koronyatee amalaDirree marfameetin ibsama.


Yoo "SQL" Gosa qabeentoota tarree jalatti filatte, ajajni SQL kasaa ibsame tilmaama. Fakkeenyaa: Yoo ajaja SQL kan akka "Dirree1, Dirree2 maqaagabatee IRRAA FILI" jedhu Qabiyyee tarreejalaa ibsite, gabatee gadiif wabeessi:

Dirree marfame

Geessituu

-1

The index of the selected entry in the list is linked to the field specified under Data field.

{empty} or 0

Dirreen kuusaa deetaa "Dirree1" gara dirree Dirree deetaajalatti ibsametti koronyate.

1

Dirreen kuusaa deetaa "Dirree2" gara dirree Dirree deetaajalatti ibsametti koronyate.


Yoo "Gabatee" Gosa qabeentoota tarree jalatti filatte, caasaa gabatee kasaa ifteeffamuu deemu ibsa. Fakkeenyaa: Yoo gabatee kuusaa deetaa Qabiyyee tarreejalatti filatamte, gabatee gadiif wabeessi:

Dirree marfame

Geessituu

-1

The index of the selected entry in the list is linked to the field specified under Data field.

{empty} or 0

Sarjaan gabatee tokkoffaan gara dirree Dirree deetaajalatti ibsametti koronyate.

1

Sarjaan gabatee lammaffaan gara dirree Dirree deetaajalatti ibsametti koronyate.

2

Sarjaan gabatee sadaffaan gara dirree Dirree deetaajalatti ibsametti koronyate..


Gatii wabiilee(bani)

Gatii wabii gara qabduulee filannootti fi sanduuqota makatti ramaduu dandeenya. Gatiin wabii weyta unkaa saphaphuutti ergine kaadimatti ergama. Unkaawwan kuusaa deetaatin gatiin asitti galfame kuusaa deetaa dirree too'annotti ramadame keessatti barreeffama.

Gatiilee wabii unkaalee saphaphuutif

Yoo unkaa saaphaphuu fi odeeffannoo haalata too'annoorraa gara kaadimaa dabarsuuf wixineessinu gatiiwwan wabii faayida qaba. Yoo too'annoon dhimmamaan cuqaafame, gatiin wabii walgitanii gara kaadimaa ergama

Fakkeenyaaf, yoo dirreewwan too'annoo lama filannoowwan "dhalaa" fi "dhiira" qabaatte, akkasumas gatii wabii 1 gara dirree "dhalaa" fi gatii 2 gara dirree "dhiira" ramadi, yoo dhimmamaan dirree "dhalaa" cuqaase gatiin 1 gara kaadimaa dabra akkasumas yoo dirree "dhiira" cuqaafame gatii 2 ni ergama.

Gatiiwwan wabii unkaawwan kuusaa deetaaf

Unkaawwan kuusaa deetaatiif, haalojii filannoottis amaleessuu dandeenya. ykn sanduuqa makaa gatii wabiitii, kuusaa deetaa keessatti kuusudhaan. yoo filannoowwan qindoominaa sadii qabaatte, fakkeenya ""in progress", "completed", and "resubmission", with the respective reference values, "ToDo", "OK", and "RS", gatiiwwan wabii kuusaa deetaa keessatti kan argaman yoo filannoo firooman cuqaafame.

Gatii wabiilee(cufi)

Sanduuqota makaa fi qabduulee raadiyoo wardiilee keessaa man'eewwan galmee ammee keessaa daangessuu danda'a. Yoo too'annoon ka'aa ta'e, gatiin gatii wabii(banaa) keessatti galchite gara man'etti garagalchama. Yoo too'annoon ka'aa hin taane, gatiin gatii wabii (cufaa) irraa gara man'ee garagalchama.

Gosa tarree qabiyyeewwanii

Deetaa tarreewwan tarree keessaa fi sanduuqota makaa guutuf tilmaama.

Filannoo "Tarreegatii" tiin, Galfatawwan mara dirree Galfatawwan tarree keessatti galfaman cancala Waliigala too'annoo keessatti argamu. Unkaawwan kuusaa deetaa, Gatiiwwan wabii fayyadamuu danddeessa (kutaa Gatii tarreewwan wabiiletti fayyadamuu ilaali).

Yoo qabiyyeen too'annoo kuusaa deetaarraa dubbifame, gosa madda deetaa filannoowwan birootirraa timaamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, gabateewwan fi galfatawwan gidduu filuu dandeessa.

Hangii madda ma'ee

Hammamtaa man'ee galfatawwan sanduuqa tarreef ykn sanduuqa makaa wardiirraa qabaniif galchi. Yoo hammamtaa sarja-baay'ee galchine, qabeentota sarjaa bitaa baay'ee qofatu too'annoo guutuf fayyada.

Man'ee Koronyate

Wabii wardaa gara man'ee koronyate ifteessa. The live state or ykn Qabeentootni too'annoo gara qabeentoota man'etti koronyata. Tarreen gabateewwan too'annoo asiin gadii fi gosa geessituu walgita isaanii:

Sanduuqa filannoo man'ee koronyatee wajjiin

Gocha

Bu'aa

Sanduuqa filannoo fili

DHUGAA n man'ee koronyatetti gala

Sanduuqa filannoo hinfilin

SOBNI man'ee koronyatetti gala

Sanduuqni makaa…. gara kutaa "hintilmaamamne" qindaa'a

#NV man'ee koronyatetti gala

Lakkoofsa ykn foormulaa lakkoofsota gara man'ee koronyatetti deebisu galchi

Yoo gatiin galchite DHUGAA ta'e ykn miti 0: Sanduuqa filannoo filame
yoo gatiin galchite SOBA ta'e ykn 0: Sanduuqa filannoo hinfilamne

Man'ee koronyate haqi, ykn barruu galchi, ykn foormulaa barruu ykn dogoggora deebisu galchi

Sanduuqni makaa gara kutaa "hintilmaamamne" qindeessa yoo sanduuqa makaa…. , ta'uu baannan hinfilamu

Sanduuqa fili. Gatiin sanduuqa wabii barruu qabata

Barruun gatii sanduuqa wabii irraa gara man'ee garagalchama

Sanduuqa hin filamne. Gstiin sanduuqa wabii barruu qabata

Diraa duwwaan gara man'ee garagalchame

Gatiin sanduuqa wabii barruu qabaata.Barruu bira gara man'ee galchi

Sanduuqni filannoo filame

Gatiin sanduuqa wabii barruu qabaata.Barruu bira gara man'ee galchi

Sanduuqni filannoo hin filamne


Qabduu filannoo (Qabduu Raadiyoo) man'ee koronyatee waliin

Gocha

Bu'aa

Qabduu filannoo fili

DHUGAA n man'ee koronyatetti gala

Qabduu filannoo hinfilin Qabduu filannoo kan biraa filuudhaan

SOBNI man'ee koronyatetti gala

Lakkoofsa ykn foormulaa lakkoofsota gara man'ee koronyatetti deebisu galchi

Yoo gatiin gale DHUGAA ykn miti 0 ta'e: Qabduun filannoo filame
yoo gatiin gale SOBA ykn 0ta'e: Qabduu filannoo hinfilin

Man'ee koronyate haqi, ykn barruu galchi, ykn foormulaa barruu ykn dogoggora deebisu galchi

Qabduun filannoo hinfilamne

Qabduu filannoo cuqaasi.Gatiin sanduuqa wabii barruu qabaata

Barruun gatii sanduuqa wabii irraa gara man'ee garagalchama

Qabduu filannoo biraa garee tokkoo cuqaasi. Gatii sanduuqa wabii barruu qabaata

Diraa duwwaan gara man'ee garagalchame

Gatiin sanduuqa wabii barruu qabaata.Barruu bira gara man'ee galchi

Qabduu filannoofilame

Gatiin sanduuqa wabii barruu qabaata.Barruu bira gara man'ee galchi

Qabdu filannoo haqame


Sanduuqa barruu man'ee koronyate wajjiin

Gocha

Bu'aa

Barruu gara sanduuqa barruu galchi

Barruun gara man'ee koronyatetti garagalchame

Sanduuqa barruu haqi

Man'ee koronyate haqame

Barruu ykn lakkoofsa gara man'ee geessitutti

Barruu ykn lakkoofsa gara sanduuuqa barruutti garagalchame

Foormulaa gara man'ee koronyatetti galchi

Bu'aan foormulaa gara sanduuqa barruutti garagalchame

Man'ee koronyate haqi

Sanduuqni barruu haqame


Dirree lakkoofsaa fi dhangi'ame man'ee wajjiin koronyate

Gocha

Bu'aa

lakkofsa gara dirree galchi

Lakkoofsi gara man'ee koronyatetti garagalchame

Dirree haqi

Gatiin 0 man'ee koronyate keessatti qindaa'e

Lakkoofsa ykn foormulaa lakkoofsota gara man'ee koronyatetti deebisu galchi

lakkoofsi gara dirreetti garagalchame

Man'ee koronyate haqi, ykn barruu galchi, ykn foormulaa barruu ykn dogoggora deebisu galchi

gatiin 0 dirree keessatti qindaa'e


Sanduuqa tarree man'ee koronyate wajjiin

Sanduuqonni tarree haalota geessituu garagaraa lama gargaara, amala "Qabeentoota man'ee koronyatee" ilaalaa.

  1. Qabeentoota koronyate: Qabeentoota barruu galfata sanduuqa tarree qabeentoota man'ee wajjiin filaman walsimsiisa.

  2. Qubannoo filannoo koronyatee: Qubannoon maalimaa qeenxee sanduuqa tarree keessati filatamee gatii lakkoofsa man'ee keessatti koronyatee wajjiin walsimsiisa.

Gocha

Bu'aa

Tarree maalimaa qeenxee fili

Qabiyyeewwan koronyate: Barruun maalimaa gara man'ee koronyatetti garagalchame

Filannoon koronyate:Iddoon maalimaa filatamanii gara man'ee koronyatetti garagalchame. Fakkeenyaaf, yoo maalimaa 3ffaan filatame, lakkoofsi sadaffaan garagalchama

Maalimoota tarree hundaa fili

#NV man'ee koronyatetti gala

Maalimoota tarree hundaa hinfilin

Qabeentota koronyate: Man'een koronyate qulqullaa'e

Filannoon koronyate: Gatii 0 man'ee koronyatetti gale

Barruu ykn lakkoofsa gara man'ee geessitutti

Qabeentota koronyate: Barbaadi fi fili maalimaa tarree walqixxaa'aa.

Filannoon koronyate: Maalimaa tarree qubannoo murtaa'e (maalimaa tokkoffaaf 1 eegalama) filaman. Yoo hin argamne, maalimootni marri hinfilaman.

Foormulaa gara man'ee koronyatetti galchi

Maalimaa tarree bu'aa foormulaa fi haalata geessituun walsiman barbaadi akkasumas fili.

Man'ee koronyate haqi

Maalimoota mara sanduuqa tarree keessaa hinfilin

Qabeentoota madda tarree hammamtaa jijjiiri

Maalimoonni sanduuqa tarree akkaataa jijjiirraatin haaromfama. Filannoon eegamaadha. kun sababa haaromsa man'ee koronyateti.


Sanduuqa makaa man'ee koronyateef

Gocha

Bu'aa

Barruu gara dirree gulaallii sanduuqa makaatti galchi, ykn galfata tarree gadbuusaarraa fili

Barruun gara man'ee koronyatetti garagalchame

Dirree gulaallii sanduuuqa makaa qulqulleessi

Man'ee koronyate haqame

Barruu ykn lakkoofsa gara man'ee geessitutti

Barruu ykn lakkoofsa gara dirree gulaallii sanduuqa makaatitti garagalchi

Foormulaa gara man'ee koronyatetti galchi

Bu'aan foormulaa gara dirree sanduuqa makaa garagalchame.

Man'ee koronyate haqi

Dirree gulaalli sanduuqa makaa haqame

Qabeentoota madda tarree hammamtaa jijjiiri

Tarreen maalimoota gadbuusaa akkaataa jiijjiratiin haaromsama. Dirree sanduuqa makaa gulaalu fi man'ee koronyate hin jijjiiramu.


Qabiyyeewwan man'ee geeituu

Haalata sanduuqa tarreetti geessitu man'ee waraqaa diriiraa filadhu.

  1. Qabeentota koronyate: Qabeentoota barruu galfata sanduuqa tarree qabeentoota man'ee filamee wajjiin walsimsiisa. "Galfata filame" fili

  2. Qubannoo filannoo koronyatee: Qubannoo maalimaa qeenxee sanduuqa tarree gatii lakkoofsa man'ee keessaa wajjiin walsimsiifame filatame. "Qubannoo galfata filatme" fili

Tarree Qabiyyee

Unkaawwan kuusaa deetaa, madda deetaa qabiyyee tarree maalimaa unkaa ifteessa. Dirreen kun gatii tarree galmeewwanii waliindha kuusaa deetaa ibsuuf fayyada.

Dhimma unkaawwan kuusaa deetaatiin, maddi deetaa galfatawwan tarree ykn sanduuqa makaa tilmaama. Gosa filamerratti hundaa'ee, filannoo maddoota deetaa garaagaraa Qabiyyee tarreejidduu qaba. wantootni kun kuusaa deetaa kee keessatti argamuu kan jajjabeessu dha. Gosni kuusdeetaa wantoota Gosa qabeentaa tarree jalatti filame asitti argama. Yoo "Gatii Tarree"gosa akka dirqaalaatti filatte, wabii kuusdeetaa akka dhangiitti fayyadamuu dandeessa. Yoo agarsiisni to'annoo ajaja SQL tiin to'atama ta'ee, himni SQL asitti saagama.

Fakkeenyota himoota SQL:

Sanduuqota tarreetif, himni SQL unkaa asiin gadii qabaachuu danda'a:

dirree1, dirree2, gabatee IRRAA FILI

"gabatee"n asii gabatee deetaan isaa too'annoo tarree keessatti mul'atu. "dirree1" dirree deetaa galfata mul'ataa unkaa keessaa ibsuuf; qabiyyeen isaa sanduuqa tarree keessatti mul'ata. "dirree2" dirree gabatee tarree gara gabatee unkaa(gatii gabatee) dirree Deetaa dirreejalatti ibsame keessa dabre yoo Dirree daangeffame = 1 filame.

Sanduuqota makaatiif, himni SQL unkaa asiin gadii qabaachuu danda'a.

Dirree ADDAA gabatee IRRAA FILI,

"dirree" asii dirree deetaa "gabatee" gabatee tarreerraa kan qabiyyeen isaa tarree sanduuqa makaa keessatti mul'atan.

Tarreewwan gatii galmeewwan HTML

Unkaawwan HTML tiif, gatii tarree Qabiyyee tarreejalatti galchuu dandeenya. Filannoo "Gatiitarree" Gosa qabeentota tarreejalaa fili. Gatiiwwan asitti galchine unkaa keessatti hin mul'atan, akkasumas gatiiwwan gara galfatoota mul'atotti ramaduuf gargaara. Galfatni Qabiyyee tarree jalatti hojjataman iyyaatoo HTML walgitanii <OPTION VALUE=...>.

Dabra deetaa galafata sanduuqa tarree ykn makaa irraa filame keessatti, gatiiwwan tarree unkaa keessatti mul'atan lachanuu, kan cancala Waliigala Galfata tarreejalatti galan, akkasumas gatii tarree cancalaDeetaairratti Qabiyyee tarreejalatti galfaman, xiyyeeffannaa jala galchuu qaban: Yoo barruun qubannoo gatii tarree keessaa filaman (<OPTION VALUE=...>), daddabruu danda'a. Kanata'uu baannan, barruun too'annoo (<OPTION>) keessatti mul'atan ni ergamu.

Yoo gatiin tarree diraa duwwaa qabaatuf, gatii "$$$duwwaa$$$" qabiyyee tarreejalatti iddoo qubannoo wal gitanitti (yaadannoo qubee guddaa/xiqqaa)galchi. LibreOffice naqa kana akka diraa duwwatti akkasumas gara galfata tarree firooma qabanitti ramadi.

Gabatee asiin gadii waliindha HTML, JaavaaIskiriptii fi dirreeLibreOffice Qabiyyee tarree gidduu jiru fakkeenya sanduuqa tarree moggaasni isaa "SanduuqaTarree1" mul'isa. Dhimma kana keessatti, "Maalimaa" galfata tarree unkaa keessatti mul'atan wixineessa.

Iyyaatoo HTML

Jaavaa Iskiriptii

Galfata gatii tarree too'annoo (Qabiyyee tarree)

Deetaa daddarbe

<OPTION>Maalimaa

Hin Danda'amu

" "

Tarree galfataa mul'ataa("SanduuqaTarree1=Maalimaa")

<OPTION VALUE="Value">Maalimaa

SanduuqaTarree1.filannoo[0].gatii="Gatii"

"Gatii"

Gatiin gara galfatatti ramadame("SanduuqaTarree1=Gatii")

<OPTION VALUE="">Maalimaa

SanduuqaTarree1.filannoowwan[0].gatii="gatii"

"$$$duwwaa$$$"

Diraa duwwaa ("SanduuqaTarree1=")


Yaada ka'uumsaa gingilchaa

Yeroo unkaa wixineessitu, amala "Yaada ka'uumsaa gingilchaa" tokkoon tokkoo sanduuqa barruu cancala Deetaa qaaqa Amaloota walgitan qabanii qindeessuu dandeessa. Barbaadduu walfaanee haalata gingilchaa keessatti, odeeffannoo mara dirreewwan kana keessatti argaman filuu dandeessa. Qabiyyeen dirree dalaga OfumaanXumuruun fayyadamtee filamuu danda'a. Yaadannoo, Haata'uu malee, Dalagni kun eddoo fi yeroo kuufannoo baay'ee guddaa barbaadu, keessattuu weyta kuusaa deetaa guddaa keessatti fayyadamtan fi should therefore be used sparingly.