Dalagaawwan kaasu mul'isi

Kabala kaasaa banuuf ykn cufuuf bakka bobboca, sararoota,barruu fi balballoomiiwwan galmee ammetti dabaluu barbaaddetti cuqaasi

Sajoo kamshaa durtii galmeewwan kaasaa kamshaa barreessa fi calc dhaamsuu fi ibsuu dandeessa

sajoo

Dalagaawwan kaasu mul'isi

Sajoo Qaxxee

You can change which buttons are visible in the toolbars. Right-click a toolbar to access the Visible Buttons command.


Filannoo

sajoo

Yoo wantoota galmee ammee filatte.Wanta filuuf,wanta xiyya waliin jiru cuqaasi.Wanta tokkoo ol filuuf,goodayyaa filannoo naannoo wantootaa jiru harkisi.Wanta gara filannotti dabaluuf jijjiirraa gadqabi akkasumas wanta cuqaasi

Line

Sajoo

Iddoo galmee ammee harkisuu keessatti sarara sirrii fakkaasaa. Sarara gara digrii 45 ijaaruf ,wayta harkistu jijjirraa gadqabi.

Sajoo Qaxxee

Barruu sarararra galchuuf, sarara lama cuqaasi akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi. kallattiin barruu kallatti sarara fakkaasuf itti harkistuun walsima. Sarara dhoksuuf, Mul'atala sanduuqa akkaataa sarara keessaa kabala Amaloota Wanta Fakkaasaa irraa fili.


Reektangilii

Sajoo

Iddoo galmee ammee itti harkisuu barbaaddanitti reektaangilii kaasaa. Arfakkuu fakkaasuf, yeroo harkistu jijjiirraa gad qabi. Iddoo xiyyoo reektaangilii kaa'uu barbaadde cuqaasi, akkasumas gara hammamtaa barbaadduu harkisi.

Cita

Sajoo

Iddoo galmee ammee harkisuu barbaadetti oval fakkaasa. Iddoo oval fakkaasuu barbaadetti cuqaasi,akkasumas hammamtaa barbaadde harkisi.Geengoo fakkaasuf,wayta harkistu jijjiirraa gadqabi.

Rog-addee

Sajoo

Sarara ciccita sarara sirrii walfaanee qabate fakkaasaa. Cita sararaa fakkaasuf harkisi,dhuma cita sararaa ibsuf cuqaasi,akkasumas cita sarara haaraa fakkaasuf harkisi. Sarara fakkaasaa xumuruuf lama cuqaasi.Boca cufamaa uumuf,tuqaa jalqaba sararichaa lama cuqaasi.

Yeroo rogaddee tuqaa haaraa kofa digrii 45 iddoo qabsiisuf fakkaasnu furtuu jijjiirraa gad qabi

The Tuqaalee gulaalliihaalata tuqaalee rogaddee tokko tokkoon fooyyessuuf haala miidhagaan si dandeessisan.

Qonyoo

Sajoo

Draws a smooth Bezier curve. Iddoo qonyoo jalqabuu barbaaddutti cuqaasi,harkisi,gaddhiisi,akkasumas iddoo qonyoo itti xumuruu barbaaddetti qaree siiqsi akkasumas cuqaasi. Qaree siiqsi akkasumas cita sarara sirrii qonyootti dabaluuf deebi'ii cuqaasi. Qonyoo fakkaasaa xumuruuf lama cuqaasi. Boca cufamaa uumuf,tuqaa jalqaba wantichaa lama cuqaasi. Golboon qonyoo fageenya harkifameen tilmaamama.

Sararaa Unkaa akka feetee

Sajoo

Iddoo galmee ammee keessatti harkistutti sarara akka feetee fakkaasaa.Sarara xumuruuf,qabduu hantuutee gad dhiisi.Boca cufaa fakkaasuuf,qabduu hantuutee jalqaba tuqaa sararichaa bira jirtu gaddhiisi.

Golboo

Sajoo

Golboo galmee ammee keessaa jirtu fakkaasaa.Golboo fakkaasuuf,ovalii hammamtaa barbaaddutti harkisi,akkasumas tuqaa jalqaba golboo ibsu cuqaasi.Qaree kee iddoo tuqaa xumuraa kaa'uu dandeessutti siiqsi akkasumas cuqaasi. Ovalii irratti cuqaasuu hin barbaachisu. Golboo geengoo irratti hundoofte fakkaasuuf,wayita harkistutti jijjiirraa gad qabi.

Citaa Deloo

Sajoo

Boca guutame kan golboo ovaalii ibsame fi galmee ammee sararota raadiyeesii lamaan keessaa fakkaasuf. Deeloo luulloo fakkaasuf, ovaalii hammamtaa barbaadetti harkisi, akkasumas sarara raadiyesii jalqaba ibsu cuqaasuu. Qaree kee iddoo sarara raadiyeesii lammaffa kaa'u barbaaddetti siiqsi akkasumas cuqaasi. Yoo ovaalii cuqaasu hin barbaanne. Deloo geengoo fakkaasuf, yeroo harkistu jijjirraa gadqabi.

Geengoo Muraa

Sajoo

Boca guutame kan golboo geengotiin ibsame fi galmee ammee sararota raadiyeesii lamaan keessaa fakkaasuf. Cita geengoo fakkaasuf, geengoo hammamtaa barbaadetti harkisi, akkasumas sarara raadiyesii xumuraa ibsu cuqaasuu. Qaree kee iddoo sarara xumura diyaameetirii kaa'u barbaaddetti siiqsi akkasumas cuqaasi. Yoo geengoo cuqaasu hin barbaanne. Deloo geengoo fakkaasuf, yeroo harkistu jijjirraa gadqabi.

Text Box

Sajoo

Iddoo galmee ammee keessa harkisnutti sanduuqa barruu kallattii barruu surdalaa waliin fakkaasaa. Sanduuqaa Barruu gara hammamtaa galmee keessatti eessattuu barbaadduu harkisi,akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi. Barruu marfame argachuuf sanduuqa barruu marsi.

Sochii Barruu

Sajoo

Kallatti surdala barruu sochii barruu waliin gara galmee ammeetti saagaa.

Balballoomiiwwan

Sajoo

Sarara balballoomii reektaangiliin keessatti dhumatu kallattii surdala barruu iddoo galmee ammeetti harkifamu wajjiin fakkaasaa.Qabannoo balballoomii gara hammamtaa balballoomiitti harkisi.Barruu dabaluuf, qarree balballoomii cuqaasi,akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi. Balballoomii rektaangulaa'a gara balballoomii marfatatti jijjiruf,wayita qarree gara harkaa jijjiire qabannoo moggee guddaa harkisi.

Bobboca bu'uraa

Kamshaa bu'ura bobbocaa iddoo saxatoowwan gara galmee kee saaguu dandeenyurraa bani.

Sajoo

Boboca Bu'uuraa

Bobboca mallatoolee

Kamshaa bobboca mallattoo saxatoowwan gara galmee saaguu dandeessu irraa bana.

Sajoo

Boboca Mallattoo

Xiyyoota garee

Kamshaa balballoomiiwwan iddoo saxatoowwan gara galmee kee saagnuu dandeenyurraa bani.

Sajoo

Garee Xiyyaalee

Taattoo yaa'aa

Kamshaa taattoo yaa'aa iddoo saxatoowwan gara galmee kee saagnuu dandeenyurraa bani.

Sajoo

Taattoo Yaa'aa

Balballomiiwwan

Kamshaa balballoomiiwwan iddoo saxatoowwan gara galmee kee saagnuu dandeenyurraa bani.

Sajoo

Balballoo

Urjiilee fi Faajjiilee

Kamshaa urjiilee fi faajjiilee saxatoo galmetti saagne irraa banuu ni dandeessa.

Sajoo

Urjiilee

Tuqaalee

Tuqaalee fakkaasa keetirraa akka gulaaltu si dandeessa

Hojii bocquu kuusa faayaa

Opens the Fontwork dialog from which you can insert styled text not possible through standard font formatting into your document.

Sajoo cuqaasi

Kuusaa Faayaa Dalaga bocquu

Faayilii Irraa

Inserts an image into the current document .

Sajoo

Image

Extrusion Banaa/Dhaamsaa

Wantoota filatameef taatewwan iswiichii gara 3D banaa fi dhaamsaa

Gargaarsa Afaan Eeshiyaa

These commands can only be accessed after you enable support for Asian languages in - Language Settings - Languages.

Balballoomiiwwan Sarjinaa

Sajoo

Sarara balballoomii reektaangiliin keessatti dhumatu kallattii sarjaa barruu iddoo galmee ammeetti harkifamu wajjiin fakkaasaa.Qabannoo balballoomii gara hammamtaa balballoomiitti harkisi. Barruu dabaluuf, qarree balballoomii cuqaasi, akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi.Balballoomii reektaangulaa'aa gara balballoomii marfametti jijjiiruf,wayita qareen gara harkaa jijjiirame qabannoo moggee guddaa harkisi. wayita gargaarsi Afaan Eeshiyaa argame qofa mul'achuu danda'a.

Barruu Sarjinaa

Sajoo

Iddoo kallattii barruu sarjinaa sanduuqa barruu waliin galmee ammee keessatti cuqaasnu ykn harkifnu fakkaasaa. Galmee keessaa eessayyuu cuqaasi, akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi. Gara iddoo barruu dabaluu barbaaddetti qaree siiqsuu dandeessa, Sanduuqa barruu harkisi, akkasumas barruu kee barreessi ykn maxxansi. Wayita gargaarsi Afaan Eeshiyaa argame qofa mul'achuu danda'a.