Hammamtaa fi Qubannoo

Wanta filatame hammamtessa ykn sochoosa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Choose Format - Position and Size - Position and Size tab


Qubannoo

Argama wanta filatamee kan fuula irraa ifteessi.

Qubannoo X

Fageenya surdala wantaa sadhaatawwan gara qabxii bu'uuraa filatame tarsaatti sochoosuu barbaaddu galchi.

Qubannoo Y

Fageenya sarjaa wantaa sadhaatawwan gara qabxii bu'uuraa filatame tarsaatti sochoosuu barbaaddu galchi.

Qabxii bu'uuraa

Qabxii bu'uuraa tarsaa keessaa cuqaasii, itti aansuudhaan hanga wanta sadhatawwan gara qabxii bu'uuraatti sanduuqota Qubannoo Y fi Qubannoo X qubannoo keessatti filatamee filattu cuqaasi. Qabxiin ka'umsaa filannoo qabannoo wantoota irraatti walii gala.

Hammamtaa

Hangii wantaa filaatamee wanta qabxii bu'uuraa waliin filattan kan hammamtaa isaa jijjiiruu barbaaddee ifteessa.

Yabbina

Yabbina wanta filatameef galchi.

Hojjaa

Hojjaa wanta filatameef galchi.

Qooda eegi

yeroo hanga wanta filatamee jijjiirruu hammamtaa tursiisa.

Qabxii bu'uuraa

Qaabxi bu'uura tarsaa keessa cuqaasi, itti aansuudhaan bal'ina fi dheerina hammamtaa wanta haaraa filatameef sanduuqotaYabbina fi Dheerina keessatti cuqaasi.

Eegi

Qubannoo

Jijjiiramoota gara qubannootti ykn hammamtaa wanta filatamee dhorka.

Hammamtaa

Jijjiiramoota gara qubannootti ykn hammamtaa wanta filatamee dhorka.

Wal simsiisuu

Specifies, if the size of a drawing object should be adjusted to fit the size of entered text.

yabbina barruutti taasisa

Yoo wantichi barruu gaditti xiqqaate, yabbina wantaa gara yabbina barruutti diddiriirsa.

Dheerina barruutti taasisa

Yoo wantichi barruu gaditti xiqqaate, dheerina wantaa gara yabbina barruutti diddiriirsa.