Amalawwan Fakkasaa LibreOffice

Fakkasaan LibreOffice dhangiiwwan calaqqee wajjummaa tokko keessatti, fakkasa salphaa fi xaxaa akka uumtu, akkasuumas alergiitu sidandeesiissa. Akkasuumas, fakkasaawwan kee keessatti gabateewwan, taattoowwan, foormulaawwan fi maalimaawwan kabiroo sagantaawwan LibreOffice keessatti uumaman saaguu nidandeessa.

Saxaatoo Veektarii

Fakkasaan LibreOffice sararawwan fi qonyoowwan veektarii herregaan qinda'ee fayyadamuun, saxaatoo veektarii uuma. Veektariin, akkaataa jomeetirii isaaniiti sararawwan, luulloo, fi rogdanee ibsa.

Wantawwan G3 Uumuu

Wantawwan G3 salphaa kaneen akka kuboowwan, mulullee, fi akmooyyeewwan Fakkasaa LibreOffice keessatti uumuu, akkasuumas madda ifaa wantichaa fooyyessuu nidandeessa.

Grids and Snap Lines

Tarsaawwan fi qajeelchotnii, fakkasa kee keessatti yaddachisaa argiitu kan akka wantawwan hiriirsuu sigaragaaruu keena. Akkasuumas, wantichii akka ariitiin sarara tarsaa tokkotti, qajeelchotatti, yk gara qarree wanta kan birootti filachuu nidandeessa.

Wantawwan Walqabsiissuu Hariiroo Mul'isuuf

Hariiroo wantawwan gidduu jiru mul'isuuf, wantawwan Fakkasaa LibreOffice keessaa sararawwan addayaa "kornyoo" jedhamee waamamu waliin walindhuu nidandeessa. Kornyoowwanii tuqaalee cufaa wantawwan fakkasaa irraa miiltoo tahan, yammuu wantawwan walqabatan siqaniis miiltoo akkuma tahetti hafa. Kornyoowwanii taattoowwan jaarmayaa fi safaka ogummaa uumuuf gargaara.

Rogawwan Agarsiissuu

Safakawwanii ogummaa, yeroo hedduu garawwan wanta fakkasicha keessaa mul'isu. Fakkasaa LibreOffice keessatti, gara sorooroo herreguu, fi agarsiissuuf, sararawwan garaa fayyadamuu nidandeessa.

Kuusaafaayaa

Kuusaafaayaan, calaqqee, sochii fakkinaa, sagalee fi maalimaawwan ka biroo isa ati fakkasaa kee keessatti saaguu fi fayyadamuu dandeessu, akkasuumas sagantaawwan LibreOffice ka biroo of keessaa qaba.

Dhangiiwwan Faayilii Saxaatoo

Fakkasaan LibreOffice, faayilii saxaatoo wajjummaa gara dhangiiwwan hedduutti alerguu dandaa'a isaaniis, BMP, GIF, JPG, fi PNG.