Akaakuu Taattoo Sharafaa

Akaakuu taattoo fuula duraa Taattoo Masaka irraa filuu ni dandeessa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Choose Insert - Chart...

Icon

Insert Chart


Sharafaa

Taattoon sharafaa gabaa xurree gatii banuu, gatii jalaa, gatii irraa, fi gatii cufaa ibsa. akkaasumas qabeentaan jiilfaannee ni agarsiisama.

Taattoo sharafaaf tartiibni deetaa walfaannee barbaachisaa dha. Deetaan akkaataa fakkeenya gabatee gadii keessatti agarsiifameen dirqama qindaa`uu qaba.

A

B

C

D

E

F

1

Qabeentaa jiilfaannee

Gatii banuu

Xiqqaa (gatii jala)

Guddaa(gatii irraa)

Gatii cufuu

2

Wiixata

2500

20

15

25

17

3

Kibxata

3500

32

22

37

30

4

Roobii

1000

15

15

17

17

5

Kamisa

2200

40

30

47

35

6

Jimaata

4600

27

20

32

31


Gatiiwwan tarree bani, xiqqaa, guddaa, fi cufuu safartuu deetaa tokko bakka tokkotti taattoo keessaatti ijaaru. Gatiin sharafaa deetaa walfaannee tarreewwan hedduu safartuu deetaa ofkeessaa qaban irraa ijaaramu. Tarjaan qabeentaa jiilfaannee filannoo deetaa walfaannee lammataa ijaaru ofkeessatti qabata.

Addaba`aa filame irratti hundaa`uudhaan, tarjaalee hunda hin barbaadu.

Addaba`oota Taattoo Sharafaa

Akaakuu taattoo sharafaa fuula duraa taattoo masaka irraa fili. Itti aansuun addaba'oota afur keessaa tokko fili.

Akaakuu 1

Tarjaa xiqqaa fi guddaa irratti hundaa`uudhaan akaakuun 1 sarara tarjaan fageenya gatii jalaa (xiqqaa) fi gatii irraa (guddaa) agarsiisa.

Tarjaa xiqqaa, guddaa, fi cufi irratti hundaa`uudhaan akaakuun 1 gatii cufamuu tiif mallattoo sardala dabalataan agarsiisa.

Akaakuu 2

Tarjaabani, xiqqaa, guddaa, fi cufi irratti hundaa`uudhaan akaakuun 2 taattoo aadaa "dungoo ulee" uuma.Akaakuun 2 tarjaa sarara gatii irraa fi jalaa gidduutti fakkasa, akkasumas rogafree kan gatii banuu fi cufuu gidduutti, taattoo mul`isu fuulduratti dabala. Osoo rogafree irratti cuqaaste odeeffannoo dabalataa kabala haalojii ni agarta. Gatiiwwan (gatiin banamu gatii cufamu irra ni xiqqaata) ol kaasuu fi gatiiwwan kuffiisuuf LibreOffice halluuwwan garaa garaa ni guuta.

Akaakuu 3

Tarjaaqabeentaa, xiqqaa, guddaa, fi cufi irratti hundaa`uudhaan akaakuun taattoo 3 taattoo kan akka akaakuu 1, qabeentaa jiilfaanneef tarjaalee dabalataa waliin fakkasa.

Akaakuu 4

Akaakuun 4 akaakuu taattoo 2 , tarjaalee deetaa qabeentaa, bani, xiqqaa, guddaa, fi cufi shan hunda irratti hundaa`uudhaan taattoo tarjaa waliin qabeentaa jiilfaanneef maka.

Safartuu qabeentaa jiilfaanneef tarii "safartuu" ni ta`a, siiiqqeen y lammataa akaakuu taattoo 3 fi akaakuu 4 keessa ni seena. Gatiin siiqqee gama harka mirgaanii fi siiqqeen qabeentaa immoo gama harka bitaan agarsiisamu.

Madda Deetaa qindaa`inoota

Taattoolee deetaa mataaa isaanii irratti hundaa`an

Taattoo deetaa walfaannee deetaa mataasaa qabu jijjiiruuf, Gabatee Taattoo Deetaa baafata ilaali ykn taattoo baafata halqara irraa kan haalata gulaali keessaa fili.

Gabatee taattoo deetaaa hundaa`e keessatti, deetaan walfannee yeroo hundaa tarjaalee keessatti qindaa`a.

Taattoo sharafaa haaraaf dura taattoo tarjaa gargaarami. Tarjaalee kamiyyuu kan addaba`aa barbaadameeef hin barbaachifne gatuudhaan, tarjaalee barbaade dabali akkasumas deetaa kee tartiiba inni fakkeenya keessatti agarsiifameen saagi.

Yoo taattoo sharafaa jalqaba argateeta ta`ee fi addaba'aa jijjiiruu barbaade, dura akaakuu taattoo gara taattoo tarjaati, tarjaalee dabali ykn haqi achii innuu addaba`aatti ni taasisama, akasumas itti aansuun gara akaakuu taattoo duubaatti taattoo sharafaa jijjiiri.

Maqaa deetaa walfaannee tarree keessatti hin barreessiin. Maqaa ga`ee olitti maqaa dirree keessatti barreessi.

Tartiibni tarreewwanii akaakuuwwan taattoo keessatti akkamitti akka qindaa`an murteessa. Tartiiba jijjiiruuf Tarree Gad Dhiibi gargaarami.

Taattoolee gabatoota Calc ykn Writer irratti hundaa`an

Hammanga deetaa fuula taattoo masaka lammataa irraa ykn qaaqa Hammanga Deeta keessa filuu ykn jijjiiruu ni dandessa. Adabbii tuniif qaaqa Deetaa Walfaannee gargaarami..

Hammanga deetaa ifteessuuf kanneen armaan gadii keessaa tokko hojjedhu:

  1. Sanduuqa barruu keessa hangii deetaa saagi.

    Calc keessatti, fakkeenyi hammanga deetaa "$Sheet1.$B$3:$B$14" ta`a. hubachiisa wardii keessatti hammangaan deetaa tarii naannoo tkkoo ol irraa ijaaramuu ni danda`a, fakkeenyaaf "$Sheet1.A1:A5;$Sheet1.D1:D5" hammangaan deetaa dabalataan gataa`aa dha. Writer keessatti, fakkeenyi hammangaa deetaa "Table1.A1:E4" ni ta`a.

    Caasimaa sirrii hin taane, LibreOffice barruu deemaa keessatti agarsiisa.

  1. Calc, keessaa qaaqa gadeessuuf hammanga deetaa fili cuqaasi, itti aansuun hammanga deetaa filuuf harkisi. Yommuu hantuutee gadhiistu, deetaan ni saagama. Hammanga deetaa dabalataan dabaluuf fili hammanga deetaa cuqaasi. Dirree naqaa qaaqa gadeessame keessaa, galfata booda cuqaasi itti aansuun tuq lamee barreessi. Hammanga itti aanu filuuf harkisi.

Deetaa walfaanneef terreewwan ykn tarjaalee keessaa filannoo tokko cuuqaasi.

Yoo odeeffannoon tarree keessaa "dungoo ulee" keessa haala walfakkaatuun argama ta`e, taattoon sharafaa deetaa kee "tarjaalee keessa" ta`a.

Adabbii Tunii Hammanga Deetaa Gabatee Taattoo Sharafaa irratti Hundaa`e

Kutaalee deetaa walfaannee qeenxee fuula taattoo masaka sadaffaa irraa ykn fuula deetaa walfaannee qaaqa Taattoo Deetaa keessaa deetaa walfaannee qindeessuu fi madda gulaalu ni dandeessa.

Deetaa walfaannee qindeessuu

Bal`ina deetaa walfaannee keessaa gama qaaqa hark bitaan, taattoo sirrii deetaa walfaannee qindeessuu ni dandeessa. Taattoo sharafaan yoo xiqqaate deetaa walfaanne gatii ofkeessatti qabatu qaba. Qabeentaa jiilfaanneef deetaa walfaannee lammataa tarii ni qabaata.

Yoo gatii deetaa walfaannee tokkoo ol argate, tartiiba qabsiisuuf qabduulee xiyyaa UP fi Down gargaarami. Tartiibni qinda'innaa taattoo keessaa murteessa. Qabeentaa deetaa walfaanneef haala walfakkaatuun hojjedhu. Gatii fi qabeentaa deetaa walfaannee dhaamsssuu hin dandeessu.

Deetaa walfaannee haquuf, tarree keessaa deetaa walfaannee filuudhaanii fi Haqi cuqaasi.

Deetaa walfaannee dabaluuf, deetaa walfaannee jiran keessaa tokko fili akasumas Dabali cuqaasi. Galfata qullaa kan filame tokkoo gad, kan akaakuu walfakkaataa qabu ni argata. Yoo gatii deetaa walfaannee ykn qabeentaa deetaa walfaannee hin qabdu ta`e, walfaannee qaaqa Data Range keessaa diqama hammanga filuu qabda.

Qindaa`inoota Hammanga Deetaa

Qaaqa Data Ranges keessaa hammanga deetaa tokko tokkoo kutaalee deetaa walfaannee filame qindeessuu ykn jijjiiruu ni dandeessa.

Tarree gubbaa keessaa maqaa ga`ee kutaalee fi gatiiwwan ammee ilaaluu ni dandeessa. Ga`ee yeroo filtu, gatii sanduuqa barruu tarree gadii keessaa jijjiiruu ni dandeessa. Moggaasni ga`ee filame agarsiisa.

Qaaqa fi hammanga hantuutee waliin filamu gadeessuuf hammanga sanduuqa barruutti saagi ykn hammanga deetaa fili irratti cuqaasi.

Gatiiwwan Bani, Gatiiwwan Cufi, Gatiiwwan OL`aanaa, fi Gatiiwwan Xiqqaa tartiiba kamiyyuu keessaa fili.Ga`eewwan addaba'ootaf taattoo sharafaa filamaniif barbaade hammanga qofa ifteessi.

Waayoo

Waayoon moggaasa taree ykn tarjaa duraa ykn hangii addaa qaaqa Deetaa Walfaannee keessaatti qindeessite agarsiisa. Yoo taattoon kee moggaasa ofkeessatti hin qabatu ta`e, waayoon barruu kan akka "Tarree 1, Tarree 2, ...", ykn "Tarjaa A, Tarjaa B, ..." akkaataa lokkoofsa tarree ykn qubee tarjaa kan taattoo deetaatiin agarsiisi.

Waayoon gatii hangii irraa, kan qaaqa Range for Name keessatti saagame Data Range keessaatti guutamu agarsiisa.

Dirqalaalee bakkaa tokko fili.Yeroo taattoon xumuramu, baafata Dhangii gargaaramuun bakkoota biraa ifteessuu ni dandeessa.