Akaakuu Taattoo Deloo

Akaakuu taattoo fuula duraa Taattoo Masaka irraa filuu ni dandeessa.

Ajaja kana bira gahuuf...

Choose Insert - Chart...

Icon

Insert Chart


Deloo

Taattoon deloo gatiiwwan akka kutaalee geengawaa ida`ama geengoo agarsiisa. Dheerini golboo, ykn bal`inni tokko tokkoo kutaa, gitaalaa gatii isaati.

Deloo - citni kun kutaalee akka bal`ina halluu dibamee ida`ama deloo, tarjaa deetaa tokko qofaaf agarsiisa. Taattoo uumame keessatti, kutaa deloo hafe addaan baasuuf ykn boodatti walqabsiisuuf kutaa kamiyyuu cuqaasuu fi harkisu ni dandeessa.

Deloo dhowwame- citni akaakuu kun kutaalee aloo jalqaba tokko tokkoo isaanii irraa addaan ba`an agarsiisa. Taattoo uumame keessatti, kutaalee aloo kan donuti qixxalamaanii irraa karaa caliirra siiqsuuf cuqaasuu fi harkisu ni dandeessa.

Donuti - citni akaakuu kun tarjaalee deetaa hedduu ni agarsiisa. Tokko tokkoon tarjaa deetaa bool`a keessaa waliin akka boca donuti tokkootti, iddoo tarjaan deetaa itti aanuu agarsiifamuu danda`uutti ni agarsiisama. Taattoo uumame keessatti, kutaalee aloo kan donuti qixxalamaanii irraa karaa caliirra siiqsuuf cuqaasuu fi harkisu ni dandeessa.

Donuti dhowwame - citni akaakuu kun kutaalee aloo jalqaba donut hafe irraa addaan ba`e agarsiisa. Taattoo uumame keessatti, kutaalee aloo kan donuti qixxalamaanii irraa karaa caliirra siiqsuuf cuqaasuu fi harkisu ni dandeessa.