Hiriira
Hiriira siiqqotayookan waammee mataduree foyyessi.
Waammee hundaaf filannoon asitti tarrefaman tokko tokko hin argamu. Fakkeenyaaf, waammee wanta filannoo garagaraatiif 2D fi 3D tu jira.
Maxxaniitee ilaalchisi
Maxxaniitee siilloo agarsiisuuf ykn dhoksuuf kan ibsu
AxesTitle On/Off sajoo jedhamu irra Dhangii kabala jijjiirraa maxxaniitee siqqotaa banuu yookan cufuu.
Barruu marsuu
Kallattii qabiyyee barruu man'ee qindeessi. Kallattii barbaachise moggaasuuf qabduu ABCD cuqaasi.
Golollee ABCD
Golollee irra iddoo barbadde cuqaasuun barruu qaabachiisa jijjiiramaa qindeessi. Qubeewwan "ABCD" qabduu irratti halata haaraan walgita.
Qabduu ABCD
Qaabachiisa barruu sarjaa qabiyyee man'eetiif moggaasi.
Yoo qabiyyee sarjaa siilloo-X qindeessite, barruun sarara siilloo-X tiin kutamuu danda'a.
Diigrii
Qaabachiisa kofaa harkaan galchuu eeyyama.
Yaa'insa barruu
Yaa'insa barruu qabduu deetaa murteessi.
Walirra
Barruun man'ee keessaa man'ee biraa waliin walirra ta'uu ibsa. Kun kan fayyadu keessatuu yoo hanqinni iddii jiraate. Filannoon kun mataduree kallattii adda addaa waliin hin fayyadu.
Qurxiinsa
Qurxii barruu eeyyama.
Filannoon kanaa gadii tattoo gosa hundaaf hin jiraatu:
Ammartii
Filannoon kabala kana irra jiru taattoo 2D dhaaf jiraata,Dhangii-siilloo siilloo-Y yookan siilloo-X ti. Bal'ina kana irraatti siilloo X yookan Y lakkofsaan mixxaanuuf hiriira qindeessuu dandeessa.
Daltuuli
Lakkoofsa siilloo irratti moggaa moggaadhaan qindeessi.
Siqqeerra hiriirsi mangoo gara jalaa
Siqqeera siilloo lakkofsaa , lakkoofsi guutuun irra xiqqaa lakkoofsa qaraati.
Siiqqee guutuu
Siqqeera siilloo lakkofsaa , lakkoofsi qaraa irra xiqqaa lakkoofsa guututi.
Ofumaa
Ofumaan lakkofsa siilloo irratti qindeessa.
Waammee agarsiisuu irratti yoo hamamtaan taattoo keetii bay'ee xiqqaa ta'e rakkoon uumamuu danda'a. Mul'annoo guddisuun yookan hamamtaa bocquu hir'isuun rakkoo kana hanbisuu dandeessa.
Qixa Barruu
Keewwata teessuma barruu xaxaa fayyadamuuf qixa barruu ifteessi (CTL). Amalli kun kan jiraatu yoo deeggarsi teessuma barruu xaxaa kakaafame.