Amaloota Calc LibreOffice

Calcii LibreOffice fayyadamaan wardii isa deetaa kee herreguu, xiinxaluu, fi makuu isa fayyadamuu sidandeesiissuudha. Akkasuumas, wardiiwwan Ekseelii Maayikroosoftii alaaguufi fooyyeessuu nidandeessa.

Hediisawwan

Calciin LibreOffice dalagawwan istaatistika fi kuusuu dabalatee, foormulaawwan isa ati ittiin herrega xaxaa deetaa kee irraa ittiin herregduu siif dhiheessa.

Akkasuumas, akka foormulaawwan uumuu sigargaaruuf, Gargaartuu Dalagaa fayyadamuu nidandeessa.

Herregduuwwan Yoo-Tahe'oo

Amala nama ajaa'ebsiissuu keessaa akkaataa inni etiin bu'aa jijjiirama lakkoofsa kan herreegduu isa lakkoofsawwan hedduu keessaa irratti tahe atatamaan mul'issuu danda'uu isaati. Fakkeenyaaf, galteewwan herreega liqii keessatti akkaataa yeroon makkii dhalannaa fi hamma kafaltii lamattaa akkaataa ini itti jijjiiruu danada'uu ilaalluu nidandeessa. Itti dabalatees, gabateewwan guguddaa, mul'inawwan adda addaa durmurtaawoo fayyadamuun taliiguu nidandeessa.

Dalagaawwan Kuusdeetaa

Deetaa kee qindeessuuf, olkaa'uuf, gingilchuuf wardii fayyadami.

Calciin LibreOffice akka gabateewwan kuusdeetaa irraa harkistee kaa'uu, ykn wardii akka madda deetaatti Barreessaa LibreOffice keessatti qubeewwan unkaa uumuuf sidandeesiissa.

Deetaa Qindeessuu

Yeroo xiqaa hantuuttee-cuqaasuun, wardiin kee hangiiwwan deetaa tahanii akka mul'isu yk dhoksuu, ykn hangiiwwan akkaataa haala addaan akka dhangeefamu, ykn herreega hundumta xiqqaa fi ida'ama atattaamaan beekuu nidandeessa.

Taattoowwan Kamaatii

Calciin LibreOffice, yammuu deetaan taattoowwan kamaatii keessatti jijjiiramuu isa ofumaan haaromsuu, deetaa wardii siif dhiihaatu godha.

Faayiliiwwan Maaykrosooftii banuu fi olkaa'uu

Faayiliiwwan Ekseelii jijjiiruuf, gingilchaawwan LibreOffice fayyadami, yk haalata dhangiiwwan hedduu kabiroon banuu fi olkaa'uuf fayyadami.