Sirrummaa qabiyyeewwan maadhee

Tokkoon tokkoo man'eetiif,galfatoota sirrii qindeessuu dandeessa.Galfatootni sirrii hin taane ni gatama.

Sajoo Ofegannoo

Seerri sirrummaa yeroo gatiin haaraa galchamu kaka'a.Yoo gatiin sirrii hin taane dursee man'ee keessatti saagamee jiraate,yookiin yoo gatii man'ee keessatti harkisii-kaa'iin ykn garagalchaa fi maxxansuudhaan saagde,seerri sirrummaa bu'aa hin qabu.


Sajoo Yaaddannoo

Miyoota - Argamaa yeroo kamittuu filuu dandeessa akkasumas man'eelee kamtu gatiiwwan sirrii hin taane qabatan mul'isuuf ajaja Deetaa sirrii hin taane mallatteessi filadhu.


Sirrummaa qabiyyeewwan maadhee fayyadamuu

  1. Maadhee kan seera sirrummaa haaraa qindeessuufii barbaaddu filadhu.

  2. Deetaa - sirrummaa fili.

  3. Fuula caancala Ulaagaa irratti, haallan gatiiwwan haaraa man'eelee keessatti galan galchi.

  4. Dirree Eeyyami keessa,dirqaala filadhu.

  5. Yoo "Lakkoofsa hundaa" filatte,gatiiwwan akka "12.5" hin eeyyamaman."Guyyaa" filachuun odeeffannoo guyyaa dhangii guyyaa baramaa akkasumas haala guyyaa tartiibaa tiin si dandeessisa.Haala walfakkaatuun,haalli "yeroo" gatiiwwan yeroo akka "12:00" ykn lakkoofsota yeroo tartiibaa eeyyama."Dheerina barruu" akka man'eeleen barruu qofa qabachuu danda'an murteessa.

    Tarree galfatoota sirrii galchuuf "Tarree" fili.

  6. Haala itti aanu Deetaa jalaa filadhu.Akkaataa waanata filattuutiin,dirqaalaaleen dabalataa filatamuu danda'u.

Erga haallan sirrummaa man'eetiif murteessitee booda,fuulota caancalaa biroo lamaan sanduuqota ergaa uumuuf fayyadamuu dandeesa.

Ergaa dogoggoraa mul'isuuf,yeroo gatiiwwan sirrii hin taane galchaman ergaa dogoggoraa agarsiisi filadhu.

Maakiroo fakkeenyaa:

Function ExampleValidity(CellValue as String, TableCell as String)
Dim msg as string
msg = "Invalid value: " & "'" & CellValue & "'"
msg = msg & " in table: " & "'" & TableCell & "'"
MsgBox msg ,16,"Error message"
End Function

Sajoo Yaaddannoo

Erga man'ee fuula caancala Of eeggannoo dogoggoraa irra jiruuf gochaa jijjiirtee fi qaaqa TOLE dhaan cuftee booda,osoo jijjiiramni hin raawwatin dura man'ee biraa filachuu qabda.