Dalagaalee Fayyadamaan qindaa'an

Dalagaalee fayyadamaan qindaa'an LibreOffice Calc keessatti karaalee armaan gadii raawwachuu dandeessa.

Dalagaa LibreOffice Basic Fayyadamuudhaan Qindeessuu

  1. Meeshaalee - Macros - Macros qindeessi - LibreOffice Basic filadhu.

  2. Qabduu Gulaali cuqaasi. Amma Basic IDE argita.

  3. Lakaddaa dalagaa galchi. Fakkeenaya kana keessatti, dalagaa VOL(a; b; c) kan qabiyyee jajjabaa rogafree fageenyota rogaa a, b and c qaban shallagu qindeessina:

    Function VOL(a, b, c)
    VOL = a*b*c
    End Function

  4. Foddaa Basic-IDE cufi.

    Dalagaan kee ufmaan muraa dutii keessatti olkaa'amee amma ni jira. Yoo dalagaa galmee Calc keessaa kan kompiwutara biraa irratti fayyaduuf ta'u raawwatte, dalagaa gara galmee Calc akkuma kutaa ittaanu keessatti ibsamutti garagalchuu dandeessa.

Dalagaa gara galmeetti garagalchi

Sadarkaa 2 "Dalagaa LibreOffice Basic fayyadamuun qindeessuu" keessatti, qaaqa Macro keessatti Gulaali cuqaaste. Akka durtiitti, dirree Macro irraa keessatti muraan Macros koo - Durtii - Muraa1 ni filatama. GalmeeDurtii galeeloo fayyadamaa keessa jira..

Yoo dalagaa fayyadamaan qindaa'e gara galmee Calc tti garagalchuu barbaadde:

  1. Miyoota - Macros - Macros qindeessi - LibreOffice Basic filadhu.

  2. Dirree Macro irraa keessatti kooMicros - Durtii - Muraa1. Gulaali cuqaasi.

  3. Basic-IDE keessatti,madda dalagaa fayyadamaan qindaa'e filadhuutii gara muraa gabateetti garagalchi.

  4. Basic-IDE cufi.

  5. Miyoota - Macros - Macros qindeessi - LibreOffice Basic filadhu.

  6. Dirree Macro irraa keessatti (Maqaa galmee Calc) - Durtii - Muraa1. Gulaali cuqaasi.

  7. Qabiyyeewwan gabatee muraa Basic-IDE galmee keessatti maxxansi.

Dalagaa namaan qindaa'e LibreOffice Calc keessatti raawwachuu

Tokkicha dalagaa VOL(a; b; c) erga Basic-IDE keessatti qindeessitee,akkuma dalagaalee keessaa LibreOffice Calc tti haaluma tokkoon raawwachuu dandeessa.

  1. Galmee Calc baniitii ulaagaalee dalagaa a, b fi c man'eelee A1,B1 fi C1 keessaatti lakkoofsota galchi.

  2. Qaree maadhee biraa keessa kaa'iitii kan armaan gadii galchi:

    =VOL(A1;B1;C1)

  3. Dalagaan ni madaalameetu bu'aa maadhee filatame keessatti agarta.