Lakkoofsa akka Barruutti Dhangeessuu

Lakkoofsota akka barruutti LibreOffice Calc keessatti dhangeessuu dandeessa. Baafata haallee man'ee ykn hammangaa man'ee baniitii Man'eelee Dhangeessi - Lakkoofsota filadhu, achiin "Barruu" tarree Akaakuu irraa filadhu. Lakkoofsonni kamuu hamangaa dhangeeffame keessatti galan akka barruutti hiikamu. Argamni "Lakkoofsa" kanneenii bitaan wal qixxaateera, akkuma barruu biroo.

Yoo lakkoofsota baratamoo man'eelee keessatti durumaanuu galchitee jiraattee fi isaan booda dhangii man'eelee gara "Barruu" tti jijjiirte, lakkoofsonni baratamoo ta'anii hafu. Hin jijjiiraman. Lakkoofsota isaan booda galan, ykn lakkoofsota achiin gulaalaman, qofatu lakkoofsota barruu ta'a.

Yoo lakkoofsa kallattiin akka barruutti galchuu mutteessite, jalaqaba hudhaa(') galchi. Fakkeenyaaf, waggoota irraantota sarjaa keessa jiraniif, '1999, '2000 fi '2001 galchuu dandeessa. Hudhaan man'ee keessatti hin mul'atu, galfatni akka barruutti akka beekamu qofa agarsiisa. Kun yoo, fakkeenyaaf, lakkoofsa bilbilaa ykn postaa kan zeeroon jalqabu, sababni isaas zeroon jalqaba dijiitii dhangiiwwan lakkoofsaa baratamaa keessaa badu galchitu barbaachisaa dha.