Gingilcha:Gingilchaawwan Olaanoo Raawwachuu

  1. Irraantota sarjaa hammangaawwan wardii gara bal'ina duwwaa wardiitti garagalchi, achiin ulaagaa gingilchaaf tarree jala irraantota keessatti galchi. Deetaan dalga qindaa'an tarree keessatti yaayaa FI wajjin hoggayyuu walitti hidhamu, deetaan irraan gadee sarjaa keessatti hoggayyuu yaayaa YKN wajjin hoggayyuu walitti hidhamu.

  2. Erga tokkicha tarreentaa gingilchaa uumtee booda, hammangaa man'ee kan maxxansamuuf jedhu filadhu. Qaaqa Gingilchaa Olaanoo Deetaa - Gingilchaa - Gingilchaa Olaanoo filachuudhaan baniitii, haalleen gingilchaa qindeessi.

  3. TOLE cuqaasi,tarreewwan wardii jalqabaa kan qabiyyeewwan isaanii ulaagaa barbaachaa guutan qofatu akka ammallee mul'atan argita. Tarreewwan biroo hundi yeroof dhokatan booda ajaja Dhangii - Tarree - Mul'isi dhaan booda lamuu argamuu danda'a.

Fakkeenya

Wardii tarreewwan baay'ee qabate fe'adhu. Galmee Turnover fayyadamaa jirra, garuu galmee biraa kamiyyuu salphaatti fayyadamuu dandeessa. Galmeen teessuma armaan gadii qaba:

A

B

C

D

E

1

Ji'a

Durtii

Daldala

Luxury

Guutarta

2

Amajjii

125600

200500

240000

170000

3

Guraandhala

160000

180300

362000

220000

4

Bitootessa

170000

kkf


Tarree 1 irraantota tarree wajjin(maqaalee dirree), gara tarree 20,fakkeenyaaf garagalchi. Haalleen gingilchaa kan tarreewan 21,22, fi kkf tti geessan ykn keessaa galchi.

A

B

C

D

E

20

Ji'a

Durtii

Daldala

Luxury

Guutarta

21

Amajjii

22

<160000


Akka tarreewwan kan gatii Amajjii man'eelee Ji'a keessaa ykn gatii 160000 man'eelee Durtii keessaa qaban mul'atan ifteesa.

Deetaa - Gingilcha - Gingilcha Olaanoo filadhuutii, hammangaa A20:E22 filadhu. Erga TOLE cuqaastee booda, tarreewwan gingilchaman qofatu mul' ata. Tarreewwan biroo argii irraa dhokatu.