Barruu Lakkoofsotatti Geeddaruu

Geeddarumsi garlameelli yoo danda'ame Calc barruu man'ee keessaa gatiiwwan lakkoofsaa walsimanitti geeddara. Geeddarumsi kan hin danda'amne yoo tahe, Calc dogoggora #VALUE! kenna.

Lakkoofsota inteegraa qofatu eksipoonentii dabalatanii geeddaramu, dabalatees guyyootaa fi yeroowwan ISO 8601 dhangiilee isaanii dheerataniin gargareessaawwan waliin. Diraan barruu gitoo biyyaatti waan hundaa'uuf, wantoonni biroo kamiyyuu, kan akka lakkoofsota eentaa gargareessaawwan kurnyee waliin ykn guyyoota ISO 8601n ala ta'an, ni geeddaramu. Iddoowwan duwwaan jalqabaa fi dhumaa ni tuffatamu.

Dhangiileen ISO 8601 armaan gadii ni geeddaramu:

Lakkaddaan seencharii baduu danda'a. Qooda guyyaa T fi gargareessaa yeroo, arfii iddoo duwwaa tokkoo qofatu fayyadamuu danda'a.

Guyyaan yoo kenname, guyyaa dhaha warra Awurooppa gataa'aa tahuu qaba. Haala kanaan yeroon dirqalee hangii 00:00 hanga 23:59:59.99999... keessa tahuu qaba.

Diraan yeroo qofti yoo kan kenname tahe, daqiiqaawwanii fi sekoondiiwwan gatii olaantoo 59 qabaachuu yoo danda'an, gatii sa'aatii 24 ol qabaachuu danda'a.

Geeddarumsi kan adeemsifamu qajeelchota baaqqeef qofa tahuu danda'a, kan akka =A1+A2, ykn ="1E2"+1. Yoo xinnaate man'eewwan lamaan keessaa inni tokko diraa geeddaramaa kan ofkeessaa qabu yoo tahe qajeelchonni hangii man'ee hin miidhaman, kanaaf SUM(A1:A2) fi A1+A2 garaa gara.

Diraawwan foormulaawwan keessaa, kan akka ="1999-11-22"+42, Sadaasa 22, 1999 booda guyyaadhaaf guyyoota 42 kennan geeddara. Shallagni guyyoota biyyoomsaman akka diraawwan foormulaa keessaa dogoggora kenna. Fakkeenyaaf, diraan guyyaa biyyoome "11/22/1999" ykn "22.11.1999" geeddariinsa ofmaatiif fayyaduu hin danda'an.

Fakkeenyota

In A1 enter the text '1e2 (which is converted to the number 100 internally).

In A2 enter =A1+1 (which correctly results in 101).