Dalagaalee baay'ee raawwachuu

Dalagaalee baay'ee sarjaawwanii fi tarreewwan keessatti

Ajajani Deetaa - Dalagaalee baay'ee gaaffiilee "yoo maali" dhaaf meeshaa karooraa kenna.Wardii kee keessatti,bu'aa gatiiwwan kan man'eelee biroo keessatti kuufaman irraa shallaguuf foormulaa galchita.Achiin,hammangaa bakka gatiiwwan murtaa'oo galchitu qindeessita,ajajni dalagaalee baay'ee bu'aalee foormulaa irratti hundaa'uudhaan shallaga.

Dirree Foormulaa keessatti,wabeeffata man'ee gara foormulaa kan hammangaa deetaa irratti raawwatu galchi.Dirree Man'ee naqa sarjaa/Man'ee naqa tarreekeessatti,wabeeffata man'ee gara gita man'ee kan qaama foormulaa ta'etti galchi.Kun caalaatti fakkeenyaan ibsamuu danda'a.

Fakkeenyota

Tooyii kan tokkoo tokkoo isaa $10 tiin gurgurtu$2 qopheessita. Tokkoon tokkoo tooyii hojjechuuf $2 baasa, gatii dhaabbataa waggaatti $10,000 dabalataan qabdu wajjin. Yoo tooyii lakkoofsa murtaa'aa gurgurte waggaa tokkotti bu'aa hangam argatta?

bal'ina wardii yoo-maali

Foormulaa tokkoo fi jijjiiramaa tokkoon shallaguu

  1. Bu'aa shallaguuf,jalqaba lakkoofsa kamiyyuu akka baay'inaatti(waanta gurgurame) galchi - fakkeenya kana keessatti 2000.Bu'aan foormulaa Bu'aa=Baay'ina * (Gatii gurgurtaa - gatiiwwan kallachaa) - gatiiwwan dhaabbataa irraa argama.Foormula kana B5 keessatti galchi.

  2. Sarjaa D keessatti gurgurtaa waggaa kenname,tokko jala tokkootti galchi;fakkeenyaaf,500 gara 5000,ejjattoowwan 500 keessatti

  3. Hammangaa D2:E11,akkaumas gatiiwwan sarjaa D fi man'eelee duwwaa bukkee sarjaa E keessaa filadhu.

  4. Deetaa - Dalagaalee baay'ee.

  5. Qaree dirree Foormulaawwan keessa kaa'uun,man'ee B5 cuqaasi.

  6. Qaree dirree man'ee naqa sarjaa keessa kaa'iitii man'ee B4 cuqaasi.Kana jechuun B4,bal'inni,jijjiiramaa foormulaa keessatti gatiiwwan sarjaa filatamaniin bakka bu'u dha.

  7. Qaaqa TOLE dhaan cufi.Bu'aalee bal'ina garaagaraa sarjaa E keessatti argita.

Foormulaawwan baay'eedhaan altokkotti shallaguu

  1. Sarjaa E haqi.

  2. Foormulaa armaan gadii C5: = B5 / B4 keessatti galchi.Amma bu'aa waggaa tokkoon tokkoo waanta gurguramee shallagaa jirta.

  3. Hammangaa D2:F11 filadhu, egasuu sarjaawwan sadii

  4. Deetaa- Dalagaalee baay'ee filadhu.

  5. Qaree dirree Foormulaawwankeessa jiruun,man'eelee B5 hanga C5 filadhu.

  6. Qaree dirree man'ee naqa sarjaakeessa kaa'iitii man'ee B4 cuqaasi.

  7. Qaaqa TOLE dhaan cufi.Amma bu'aalee sarjaa E keessaattii fi bu'aa waggaa waanta tokkoo sarjaa F keessatti agarta.

Dalagaalee Baay'ee Tarreewwanii fi Sarjaalee Keessaa

LibreOffice dalagaalee walii baay'ee sarjaalee fi tarreewwan kan gabatee-cehaa jedhaman keessatti dalaguuf si dandeessisa. Maadheen foormulaa hammangaa deetaa tarreewwanii fi sarjaalee keessatti qindaa'an lachuu wabeeffachuu qaba. Hammangaa deetaan lamaaniin qindaa'e filadhuutii qaaqa dalagaa baay'ee waami. Wabii gara foormulaa dirree Foormulaa keessaatti galchi. Dirreewwan Maadhee naqa tarree fi the Maadhee naqa sarjaa wabii gara maadheelee foormulaa isaaniitti galchuuf fayyadu.

Jijjiiramoota Lamaan Shallaguu

Sarjaa A fi B kan gabatee olii fudhu. Amma baay'ina waggaan oomishamu qofa jijjiiruu hin barbaaddu, gatii gurgurtaas malee, kanaafuu bu'aa irratti xiyyeeffachuu barbaadda.

Gabatee olii babal'isi. D2 hanaga D11 lakkoofsota 500, 1000 and kkf, hanga 5000 qabata. E1 hanga H1 lakkoofsota 8, 10, 15 fi 20 galchi.

  1. Hammangaa D1:H11 filadhu.

  2. Deetaa- Dalagaalee baay'ee filadhu.

  3. Qaree dirree Foormulaawwan keessa kaa'uun,man'ee B5 cuqaasi.

  4. Qaree dirree Maadhee naqa tarree keessa kaa'iitii maadhee B1 cuqaasi. Kana jechuun B1, gatii gurgurtaa, jijjiiramaa dalga galchame dha(gatiiwwan 8, 10, 15 fi 20 wajjin).

  5. Qaree dirree Maadhee naqa sarjaa keessa kaa'iitii B4 keessa cuqaasi. Kana jechuun B4, baay'ina, jijjiiramaa irraan gadee galchame dha.

  6. Qaaqa TOLE dhaan cufi. Bu'aawwan kan gatiiwwan gurgurtaa addaa addaa hammangaa E2:H11 keessaa argita.