Caancaloota Wardiilee Keessa Naanna'uu

Durtiidhaan LibreOffice wardiilee sadii "Wardii1" hanga "Wardii3", tokkoon tokkoo wardii haaraa keessatti agarsiisa. Caancaloota wardii jala argii irra jiru fayyadamuudhaan wardiilee tokko irraa gara biraatti taruu dandeessa.

Caancaloota Wardii

Sajoo

Wardiilee galmeen kee qabu mara mul'isuuf qabduuwwan naannessaatti fayyadami. Qabduu qarqara bitaa ykn mirgaa irratti cuqaasuun, duraaduubaan, caancala wardii jalqabaa ykn dhumaa mul'isa. Qabduuwwan jidduu fayyadamaa akka fuulduraa fi duubatti caancaloota wardii hunda keessa marfatu dandeessisu.