Foormulaawwaniin Shallaguu

Foormulaawwan hunduu mallattoo wal qixaatiin eegalu. Foormulaawwan lakkoofsota, barruu, qooyyaboota herregaa, qooyyaboota loojikii, ykn dalagalee qabaachuu danda'u.

Sajoo Qaxxee

Akka qooyyabootni herregaa bu'uuraa (+, -, *, /) seera "Baay'isuu fi Hiruu dura Ida'uu fi Hir'isuu" fayyadamuudhaan foormulaawwan keessatti fayyaduu danda'a.


Sajoo Qaxxee

Haammattuunis fayyaduu danda'a. Bu'aan foormulaa =(1+2)*3 bu'aa foormulaa =1+2*3 irraa adda dha.


Fakkeenyotni muraasni kan foormulaawwan LibreOffice Calc kan kanaa gadiiti:

=A1+10

Qabiyyeewwan A1 ida'uu 10 agarsiisa.

=A1*16%

Qabiyyeewwan A1 keessaa 16% agarsiisa.

=A1 * A2

Bu'aa baay'isuu A1 fi A2 agarsiisa.

=SIQSI(A1;1)

Qabiyyeewwan maadhee A1 gara bakka deesiimaalii tokkotti siqsee agarsiisa.

=EFFECTIVE(5%;12)

Dhala sirrii 5% dhala baramaa waggaatiif kaffaltii 12 waggaatti shallagi.

=B8-IDA'A(B10:B14)

B8 hir'isuu ida'ama maadheelee B10 hanga B14 shallaga.

=IDA'A(B8;IDA'A(B10:B14))

Ida'ama maadheelee B10 hanga B14 shallagee gaticha gara B8 ida'a.


Dalagaalee foormulaawwan keessatti marsuun, akka fakkeenya keessatti mul'atetti ni danda'ama.