Foormulaawwan Garagalchuu

Foormulaa garagalchuuf karaa adda addaatu jira. Malli dhiyeeffame tokko:

  1. Maadhee foormulaa qabate filadhu.

  2. Gulaali - Garagalchi filadhu, ykn garagalchuuf +C dhiibi.

  3. Maadhee foormulaan itti akka garagalchamu barbaadde filadhu.

  4. Gulaali - Maxxansi filadhu, ykn garagalchuuf + C tuqi. Foormulaan man'ee haaraa keessa qubachiifama.

Yoo foormulaa maadhee baay'eetti garagalchuu barbaadde, gara bal'inoota cinaatti garagalchuuf karaa saffisaa fi salphaatu jira:

  1. Maadhee foormulaa qabate filadhu.

  2. Hantuutee jala mirgaa xiyyoo shoolamaa maadhee irra qubachiisiitii, qabduu hantuutee gad qabuu hanga qareen mallattoo qaxxaamura-mataatti jijjiiramtuutti itti fufi.

  3. Akka qabduun hantuutee gad qabameen, gadi ykn gara mirgaa maadheelee foormulaa itti garagalchitu gubbaan harkisi.

  4. Yeroo qabduu hantuutee gad dhiistu, foormulaan gara maadheeleetti garagaleetu ufmaan sirreeffama.

Yoo gatiiwwanii fi barruuwwan akka ufmaan hin sirroofne barbaadde, furtuu yeroo harkistu gad qabi. Foormulaawwan, garuu, hogayyuu haalaan sirreeffamu.