Dhangiiwwan Lakkoofsaa Fayyadamaan qindaa'an
Lakkoofsota LibreOffice Calc keessatti mul'isuuf dhangiiwwan lakkoofsaa mataa keetii qindeessuu dandeessa.
akka fakkeenyaatti, lakkoofsa 10,200,000 akka miliyoona 10.2 tti mul'isuuf:
-
Maadheelee kan dhangii haaraa, fayyadamaan qindaa'e irratti raawwachuu barbaaddu filadhu.
-
Dhangii - Man'eelee - Lakkoofsota fili.
-
Sanduuqa tarree Akaakuuwwan keessatti "Fayyadamaan qindaa'e" filadhu.
-
Sanduuqa barruu Koodii dhangii keessatti koodii armaan gadii galchi:
0.0,, "Miliyoona"
-
TOLE cuqaasi.
Gabateen armaan gadii bu'aalee sissiqsuu, daangessoota kumaa(,), daangessoota deesiimaalii(.), fi iddooqota # fi 0 agarsiisa.
Lakkoofsa |
.#,, "Miliyoona" |
0.0,, "Miliyoona" |
#,, "Miliyoona" |
10200000 |
Miliyoona 10.2 |
Miliyoona 10.2 |
Miliyoona 10 |
500000 |
Miliyoona .5 |
Miliyoona 0.5 |
Miliyoona 1 |
100000000 |
Miliyoona 100. |
Miliyoona 100.0 |
Miliyoona 100 |