Faayiloota CSV Alaaguu fi Alerguu

Gatiiwwan Qoodduun Adda bahan(CSV) dhangii faayilii barruu kan deetaa kuusaa deetaa ykn wardii irraa fayyadamoota jidduutti wal jijjiiruuf fayyadamuu dandeessu dha. Tokkoon tokkoo sarara faayilii CSV Barruu keessaa galmee kuusaa deetaa keessaa ykn tarree wardii keessaa bakka bu'a. Tokkoon tokkoo galmee kuusaa deetaa keessaa ykn man'ee tarree wardii keessaa yeroo baay'ee qoodduun addaan ba'a. Garuu, dirree daangessuuf arfiilee biroo kan akka arfii gabateessaa fayyadamuu dandeessa.

Yoo qabiyyeen dirree ykn man'ee qoodduu qabaate, qabiyyeewwan dirree ykn man'ee mallattoo waraabbii baaqqeetiin (') ykn dhaachaatiin (") cufamuu qabu.

Faayilii CSV Barruu Calc keessaa Banuuf

  1. Faayilii - Bani filadhu.

  2. Faayilii CSV kan banuu barbaaddu agarsiisi.

    Yoo faayiliin fufaa *.csv qabaate, faayilii filadhu.

    Yoo faayiliin CSV fufaa biraa qabaate, faayilii filiitii, achiin sanduuqa Gosa faayilii keessaa "CSV Barruu" fili

  3. Bani cuqaasi.

    Qaaqni Alaaga Barruu ni banama.

  4. Dirqaalaalee barruu faayilii keessaa gara sarjaaleetti hiru ifteessi.

    Teessuma deetaa alaagamee jala qaaqa Alaaga Barruu irratti durarguu dandeessa.

    Dhangii qindeessuuf ykn sarjaa dhoksuuf durargii keessatti sarjaa mirgaan cuqaasi.

    Sajoo Qaxxee

    Sanduuqa daangessaa barruu arfii faayilii keessatti akka daangessaa barruutti fayyadu waliin walsumu mirkaneeffadhu. Yoo daangessaan hin tarreeffamne, sanduuqa naqaa keessatti arfii barreessi.


  5. Tole cuqaasi.

Wardii akka Faayilii CSV Barruutti Olkaa'uu

Sajoo Yaaddannoo

Yemmuu wardii gara dhangii CSV alergitu, deetaa wardii ammee irra jiru qofatu olkaa'ama. Odeeffannoon biroo, foormulaawwanii fi dhangeessuu dabalatee, ni badu.


  1. Wardii Calc kan akka Faayilii CSV Barruutti olkaa'uu barbaaddu bani.

    Sajoo Yaaddannoo

    Wardii ammee qofatu alergama.


  2. Faayilii - Akka Olkaa'i filadhu.

  3. Sanduuqa Maqaa faayilii keessatti, faayiliif magaa galchi.

  4. Sanduuqa Gosa faayilii keessatti,"Barruu CSV" filadhu.

  5. (Dirqaalee) Dirqaalaalee dirree faayilii CSV Barruutiif qindeessi.

    Qindaa'inoota gingilchaa gulaaluu filadhu.

    Qaaqa Alerga faayiloota barruu keessatti, dirqaalaalee kan barbaaddu filadhu.

    Tole cuqaasi.

  6. Olkaa'i cuqaasi.