Deetaa Cimsuu

Yeroo cimsuu, qabiyyeewwan maadheelee wardiilee baay'ee irraa bakka tokkotti walitti makama.

Qabeentoota Man'ee Walqabsiisuu

  1. Galmee kan hammangaawwan maadhee cimsamuuf jiruu qabatu bani.

  2. Deetaa - Cimsi filachuudhaan qaaqa Cimsi bani.

  3. Sanduuqa Bal'ina deetaa maddaa irraa bal'inoota birootiin cimsuuf hammanga maadhee maddaa filadhu.

    Yoo hammangaan moggaafamuu baate, dirree cina Bal'ina deetaa maddaa cuqaasi. Qareen barruu libsuu ni mul'ata. Hammangaa deetaa maddaa jalqabaaf wabii barreessi ykn hammanagaa hantuuteen filadhu.

  4. Hammangaa filatame dirree Bal'inoota cimsaa keessatti saaguuf Dabali cuqaasi.

  5. Hammangaawwan dabalataa filadhuutii tokkoon tokkoo filannoo booda Dabali cuqaasi.

  6. Bakkee bu'aa itti agarsiisuu barbaaddu hammangaa galtee sanduuqa Bu'aalee asitti garagalchi filachuudhaan ifteessi.

    Yoo hammangi galtee moggaafamuu baate, dirree cina Bu'aalee asitti garagalchi keessa cuqaasiitii wabii hammangaa galtee galchi. Karaa biraa, hammangaa hantuuteen fayyadamuudhaan filachuu dandeessa ykn qaree gubbaa bitaa maadhee hammangaa galtee keessa qubachiisi.

  7. Dalagaa sanduuqa Dalagaa irraa filadhu. Dalagaan akkaataa gatiiwwan hammangaawwan cimsaa geessifaman ifteessa. Dalagaan "IDA'A" qindaa'ina durtii ti.

  8. Hammangaawwan cimsuuf TOLE cuqaasi.

Qindaa'inoota Dabalataa

Qindaa'inoota dabalataa mul'isuuf Dabalata qaaqa Cimsi keessaa cuqaasi.

Deetaan hammangaawwan cimsaa fi hammangaa galtee irraa dhufan galmee yemmuu olkeessu olkaa'amu. Yoo booda galmee cimsi keesssatti qindaa'ee ture bante, deetaan kun ammas ni jira.