Lakkoofsota Negaatiivii Shooluu

Maadheelee dhangii lakkoofsaa kan lakkoofsota negaatiivii diimaan shooluutiin dhangeessuu dandeessa. Karaa biraa, dhangii lakkoofsa mataa keetii kan lakkoofsonni negaatiivii halluu birootiin shoolaman qindeessuu dandeessa.

  1. Man'eelee filiitii Dhangii - Man'eelee filadhu.

  2. Caancala Lakkoofsa irratti, dhangii lakkoofsaa filiitii sanduuqa filannoo Lakkoofsota negaatiivii diimaa mallattoo itti godhi. Tole cuqaasi.

Dhangiin lakkoofsa man'ee kutaalee lamaan qindaa'a. Dhangiin lakkoofsa poozetiivii fi zeeroo buufata xiqqaa fuulduratti qindaa'a; buufta xiqqaa booda foormulaa lakkoofsota negaatiiviitu qindaa'a. Koodii(DIIMAA) jala Koodii dhangii jalaa jijjiiruu dandeessa. Fakkeenyaaf, (DIIMAA) osoo hin ta'in, KEELLOO galchi. Yoo koodiin haaraa tarree keessatti erga sajoo Dabali cuqaasteen booda mul'ate, kun galfata sirrii dha.