wardiilee biraa keessatti wabeeffachuu

Maadhee wardii keessatti wabii gara maadhee galmee biraa keessaatti agarsiisuu dandeessa.

Haala walfakkaatuun,wabeeffachuun galmee biraa irraa gara man'eetti yoo galmee sun akka faayiliitti olkaa'amee ture ni taasifama.

Man'ee Galmee Tokko Keessatti Wabeessuu

  1. Wardii haaraa,duwwaa bani.

  2. Karaa fakkeenyaa,foormulaa armaan gadii man'ee A1 kan wardii1 keessatti galchi.

    =Sheet2.A1

  3. Caancala Wardii 2 jala wardii jiru cuqaasi.Qaree man'ee A1 keessa kaa'iitii barruu ykn lakkoofsa galchi.

  4. Yoo gara wardii1 deebite,qabiyyee sanuma man'ee A1 keessatti agarta.Yoo qabiyyeewwan Wardii2.A1 jijjiirame,qabiyyeewwan Wardii1.A1 ni jijjiiramu.

Man'ee Galmee Biroo Keessatti Wabeessuu

  1. Galmee wardii dura jiru fe'uuf ,Faayilii - Bani filadhu.

  2. Galmee wardii haaraa banuuf,Faayilii - Haaraafiladhu.Qaree man'ee bakka deetaa alaa saaguu barbaaddu kaa'iitii foormulaa jalqabuu kee agarsiisuu barbaaduuf mallatttoo walqixaa gachi.

  3. Amma gara galmee feetee turteetti tari.Man'ee kan deetaa ati galmee haaraa keessatti saaguuf barbaaddu qabate cuqaasi.

  4. Gara wardii haaraatti lamuu tari.Sarara naqaa keessatti amma akkaataa LibreOffice Calc wabii foormulaatti siif dabalu agarta.

    Wabiin gara man'ee galmee biraa maqaa man'ee biraa qoodduu garagalaa baaqqee keessatti ,achiin hashii #,achiin maqaa wardii galmee biraa, tuqaa fi maqaa man'eetiin hordofee qabata.

  5. Mallattoo filannoo magariisa cuqaasuudhaan foormulaa mirkaneessi.

  6. Yoo sanduuqa xiyyoo man'ee kaka'aa mirgaa jalaa keessaa hammangaa man'eelee filachuuf harkiste,LibreOffice wabiilee isaanii ufmaan man'eelee cinaa keessatti saaga.Akka bu'aatti,maqaan wardii akka wabii sirriitti kaa'uuf mallattoo "$" durfama.

Yoo maqaa galmee biraa foormulaa kana keessaa sakattaate,akka URL tti barreeffamu hubatta.Kana jechuun URL interneetii irraa galchuu dandeessa jechuu dha.